Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ispoortii Fardaan Hojjataniin Oromiyaa Addunyaarratti Beeksisuu Hinuma Dandahan


Biyyi dureeyyiin addunyaa tanaa guddinnaan lafaa bira dabranii ji’a irratti waa ijaarrachuuf falachuutti jiran, gama Ispoortiitiilleen waan woma duruu aadaan qaban jabeeffatanii fagaachuutti jiran.

Ispoortii biyya alaatti fardaan hojjatan keessaa garii fiigicha karaa dheeraa, waan ulfaattuu harkisuu, fardaa lafa maraamartoo irra marsanii waliin dorgomuu faa.Yabbii lammachaa dhoqqoba keessaa gussanii akka abbaan fardas sekondii jaha keessatti miila walitti hidhee fardatti deebi’u tolchanii wal dorgomsiisuu fi ta akkanaa hedduuti jira.

Fardii naannolee Oromiyaa tokko tokkotti akka horii dhaanee ykn geejjiba bisaan ittiin fi qoraan ittiin dhaqanii dhaqatan tahee duddii luluqqahuutti jira.Naannoo tokko tokkotti ammoo fuudha, awwaala, gammachuu fi waan akka akkaa ittiin tolfatan.

Akka Obbo Solomoon Alamuu, gaazexeessaan TV Itoophiyaa Sagantaa Afaan Oromoo ka durii Finfinnee irraa jedhanitt naannoo Shawaa keessaa dorgommii fardaa hedduutti jira.“Farda yaabbatanii gussanii uleen dudda keessa wal waraanuu fa’a. Kaan ni baqataa, kaan ammoo fiigee, dandahu jalaa baha dadhabu ammoo ni waraanama,” jedha.Seera bulmaata Gadaa Oromoo keessatti seera ittiin farda ulfinna guddaan eeganti jira. Akka obbo Kumaa Huseen, as Amerikaa Merilaand irraa jedhanitti ammoo naannoo Baaleetti fardaan fuudha dhaqan, yoo fuudha dhaqan akka fardi harka isaa lamaan ol fudhatee ispoortii hojjatu tolchanii laaluun gammachuu guddoo.

“Yoo innii harka oli fudhatu dubartiin ilil jetti….Fardii dargageessaan tola, dargaggeessilleen fardaan tolaa,” jedhu. Namoonni hedduun akka Oormiyaan gama kanaanilleen dorgommii Ispportii fardaan hojjataniin jabaattee addunyaatti dabalamtu tolchuun ni dandahama" jedhu.Tana tolchuuf maanti tahuu male? Mee waan nu tana irratti mari’anne caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG