Xurree ittiin seenan

Breaking News

Israa'eel Irra Deebitee Gaazaa Haleelte


Giddu galeessa bahaa keessatti hokkarri jalqabamee torban lammaffaa seenaa yeroo jiru kanatti Israa’eel Wiixata har’a ganama magaalaa Gaazaa irra deebi’uun samii irraa haaleelteee jirti.

Waraanni Israa’eel akka jedhutti karaa laf-jalaa ykn bo’oo Hamaas itti gargaaramuu fi mannen ajajajoota garee hidhattoota Gaazaa bulchan hedduun keessa jiraatan irratti haleellaan har’a kun qiyyaafate.

Ministeerri Ministrii dantaa alaa Amerikaa Antonii Bliinken Hamaasii fi gareeleen hidhatan ka biroon kanneen Gaazaa keessaa haleellaa Rokeetaan Israa’eel irratti gaggeessan battaluumatti akka dhaaban gaafatan.Israa’eel of-irraa ittisuuf mirga akkauma qabdu siviilonni akka hin miidhamne gochuuf dirqamatu irra jira jedhan.

Yunaaytiid Isteetes hokkarri kun xumuura akka argatu gochuuf harka lafa jalaan khaala walitti fufiinsa qabauun hojjataa jirti kan jedhan Bliinken Dilbata kunis kaleessaa gita isaanii Kan Masrii, Qataar, Paakiistaan, Saawudii Arabiyaa fi Faransaayii waliin bilbilaan dubbachuu dalata ajedhan

Dilbata kaleessaa mummichi Ministeera Israa’eel Benjamin Natanyaahuu haleellaa Gaazaa irratti gaggeeffamuu battaluumatti dhaabuuf karoora hin qabu jechuun eega dubbatanii booda hokkarri har’a kun itti fufee.Guyyaa Jeettonni waraanaa kan Israa’eel Gaazaa keessatti gamoolee sadii daakanii namoota yoo xiqqaatee 42 ta’an ajjeesan sana Natanyaahuun kana dubbatan.Israa’eel fi Hamaas giddutti hokkarri eega ka’e as yeroo duraaf namnii hagasii guyyaa tokkotti ajjeefaman.

Hamaas Dilbata kaleessaa ganama naannoo siviiloonni jiraatan kan Gaazaa keessaa irraa Rookeeta darbataa ture.Rokeeta kana keessaa tokko bakka mana amantii jushootaa isa Ashkelon jiru kan dhahee yoo ta’u sirna ayyaaneeffannaa amantii gaggeeffamuuf ture sa’atilee hanga tokko dura kan dhahee yoo ta’u namnii miidhame hin jiru.

Guyyaa walitti bu’iinsii kun itti jalqabamee Caamsaa 10 qabee namoota Faalisxinootaa yoo xiqqaate 197 kan ajjeefaman yoo ta’u kunis ijoollee 58 fi dubartoota 34 kan dabalatuu ta’u Ministeerri Fayyaa kan Gaazaa beeksisee jira.

Haleellaa Rookeetaa Haamaasgeesiseen immo namoonni Israa’eel yoo xiqqaate 10 kanneen keessaa tokko ijoolee umriin 6 ajjeefamaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG