Mootummaan Israa’eel Jushoota Itiyoophiyaa kuma hedduu kanneen maatii isaanii Israa’eel keessaatti dabalamuuf waggoota dheeraa isaan fushatee dhimmi isaanii xumureefii jira.
Murtiin Dilbata kaleessaa darbee kun hariiroo wal xaxaa hawaasa Itiyoophiyaa Israa’eel keessa jiran waliin ture gama furuun tarkaanfii isa duraa ta’e jira.
Jushoota Itiyoophiyaa Kuma 100 fi Kuma 40 ta’an Israa’eel keessa kan jiraatan yoo ta’u hogganoonni Hawaasa kanaa akka tilmaamanti kanneen kuma 6 ta’an Itiyoophiyaa keessatti hafaniiru.
Israa’eel seera amantii qabdu jalatti garu, hidda dhalata Jushootaa qabaatan iyyu Jushoota jettee hin fudhattu.Kanaaf saganyaa jiru kan akka namoota maatii isaanii waliin waltti dabalamuuf ba’eetti warri Itiyoophiyaa keessaatti hafan akka gara Israa’eeltti fidamaniif maatiin kun qabsa’aa turan.
Kun immo raggaatii motummaa kan addaa barbaada ture.