Xurree ittiin seenan

Breaking News

Israa’eel Keessatti Mootummaa Waltaatootaa Hundeessuuf Yaalamaa Jira


Gareen paartileen siyaasaa Israa’eel kanneen yaada adda addaa qaban kan yeroo dheeraaf aangoo irra turan mummicha ministeeraa Benjamiin Natanyaahuu aangoo irraa kaasuun mootummaa wal ta’uun ijaaramuu hundeessuuf walii galuuf jecha Robii har’a guyyaa guutuu walga’anii jiru.

Kunis mana maree biyyatti keessatti barcuuma jiran 120 keessaa harka caalaa qabaachuuf yoo ta’u kunis Natanyaahuun baatii Ebla darbee kana gochuu eega dadhabanii booda.

Dilbata darbee paartii cichitootaa kan ta’e Yamina kan hogganan Naftali Beneet gamtaa kanatti akka dabalamuu malan beeksiisan.

Israa’eel waggaa lamaaf jeeqama siyaasaa keessa kan turtee yoo ta’u isuuma keessatti yeroo 4 filannoo gaggeessite. Erga filannoo lama bara 2019 gaggeesitee booda Natanyaahuun mootummaa wal taatootaa dhaabuu kan hin dandeenye yoo ta’u garu hanga mootummaan dhaabatuutti yeroof akka mummicha ministeeraati hojjataa jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG