Xurree ittiin seenan

Breaking News

 Israa’eel Siriyaa Keessatti Haleellaa Gaggeesitee Jirti


FILE -Taankilee humna waraanaa Isaa'eel, Amajjii 31, 2022.
FILE -Taankilee humna waraanaa Isaa'eel, Amajjii 31, 2022.

Haleellaa Israa’eel magaalaa Damaasqoo cinatti gaggeessiteen, looltuun Siriyaa tokko ajjeefamee kanneen biroo 5 madaa’uu sabaa himaan mootummaa siriyaa beeksisee jira.

Waraannii Israa’eel akka jedhetti, misaa’eelli farra xayyaaraa biyya Arabaa irraa gara Israa’eel gama kaabaatti Robii har’a ganama waan dhukaafameef maadheelee Siriyaaa keessaa haleelte,.Qiyyaafanni haleellaa Israa’eelis bakka siriyaan xayyaaroota Israa’eel irratti itti qiyyaaftu ta’uun ibsamee jira.

Rookeetii Siriyaan furguggiifte samii keessatti kan dhohee ta’u kan ibsite Israa’eel caasaan ittisaa kan Israa’eel waan qolatee hin qabu jette.Garu Israa’eel gama kaabaa keessatti caasaa akeekkachisa of-eeggannoo dhageesifnnee jirra jettee jirti.

Balaa ykn badii dhaqqabe kan ilaaleen wanni jedhame hin jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG