Humni waraanaa Israa’eel Kamisa har’aa magaalaa Gaazaa keesstti naannoo Hospitaala Shifaa akkasumas Gaazaa Kibbaa Kihaan Yuunis keesstti halleellaa waraanaa raawwachuu isaa yommuu ibsu, Ministirri fayyaa Gaazaa inni Hamaasiin hoogganmummoo guyyaa kaleessaa lammiileen Paaleestiin 62 ajjeefamuu Kamisa har’aa gabaaseera. Hanga ammaatti lammiileen Paaleestiin 32,552 ajjeefamaniirus jedheera ministirri fayyaa Gaazaa.
Israa’eel haleellaa humna lafoon Raafaa irratti raawwachuuf karoora qabdurratti Waashingitan waliin marii’achuuf kan turte Jila qondaaltoota ishee erguu kan dhiiste ammammoo Roobii kaleessaa darbe kana Ogeeyyii tarsiimoo waraanaa ishee gara Waashingitanitti erguun hidhattoota garee Hamaas Raafaa jiran irratti tarkaanfii akka fudhachuuf akka jirtu Yuunaayitid Isteetsi waaliin mariiti jiru.
Wiixata darbe mana maree nageenyaa dhaabbata Mootummoota gamtoomaniirratti murtoo waraanni Israa’eelii fi Hamaas gidduu hatattamaan akka dhaabbatu jedhurratti Yuunaayitid Isteetsi mirga sagalee sagalee kuffisuu qabdu fayyadamuurra sagalee kennuurra of qusachuu ishee kan marmite Israa’eel marii Ameerikaa waliin taasisuuf karoorfattee ture addaan kutuu beeksiftee ture.
Garuu Ministirri waraanaa Israa’eel Yo’aav Galaant torbaan kana keessa ministira haajaa alaa Yuunaayitid Isteetis Antonii Bilinkanii fi ministira waraanaa Yuunaayitid Isteetsi Looyid OOstiin waliin marii’achuuf turban kana Waashiingitanitti argamu jedhameera.
Muummichi Ministiraa Israa’eel Beenjaamin Netaanyaahuu to’annoo Hamaas naannoo galaana Meeditiriyaaniyaanii kamiyyuu hambisuuf halleellaan Raafaa irratti taasifamu barbaachisaa ta’uu yommuu himanitti, gama Yuunaayitid Isteetsiinimmoo Raafaa keessatti halleellaa raawwachuun lammiileen Paaleestiin nagaa miiliyoona tokkoo ol waraanichaa baqaaf buufataalee yeroo keessa jiraniif balaadha jechuun mormiti. Israa’eelimmoo garee Hamaas kanneen Kutaalee Afur irraa teessoo isaanii Raafaa godhatanirratti osoo hin raawwatamiin dura lammiileen paalistiin nagaa bakka nageenyi isaanii eegamuutti akka dabarsitu himteetti.
Forum