Xurree ittiin seenan

Breaking News

Israahelii fi Imireetiin Arabaa,UAE hariyummaa wayyeeffachuuf wali galan waan irratit galan Amerikaatti mallatteeffachuuf kurfoo jiran


Israel UAE Flags
Israel UAE Flags

Akka irratti dhaqan kanaan Musliimii UAE masjida Al Aqsa Jerusaalem jiru keesatti dulachuu dandaha.

Hariyummaa UAE fi Israahel waliin wayyeeffachuuf walii galanitti tanaan dhufe. Tun ammoo pirezidaanti Tiraampiif gammachuu guddoo.

“Walti gagaarrifachuun taan amma yaayyuu qabbanoofte.Biyyoota Arabaatii fi musliima hedduu herrega UAE kana faana dhufan jedhee dhugeeffadhaa,”jedhe Tiraampi.

Eegii Israahel bara 1948 bilisummaa labsattee asitti UAE fi Israale tana waliin marroo sadeessoo akka Israhelii fi Arabaatti walii galan.

Muummee Ministera Israahel Benjamin Netanyahu fi ilmii nugusa UAE nugusummaa Abu Dhabi dhaaluuf eegachuutti jiru Mohammed Al Nahyan walii galteen tun Jidduu-Gala Bahaaf nagaa seenaa qabeessaan dhuftu jedhanii abdatan.

Masriin walii galtee akkana bara 1979 mallattessitee Jordaan ammoo 1994.

Muummee Minsiteraa Israahel, Benjamin Netanyaahuuf walii galtee tun waan seenaa keessatti himan.

Gorsaan nagaa Amerikaa, Robert O’Brien tun pirezidaantiiyyuu badhaasaa Noobelii kessisuu dandahaait jedha


William Todman jidduu galeessa qorannoo keessa hojjata walii galteen tun walii galten tun hariyummaa biyya lamaaniitiif karaa dansaatti deemti jedha

Akka walii galtee tanaatti Israahel akka qaraa kaan West Baank keesatti Paalistiin irraa lafa fudhachuuf itti hin gamtu.

Walii galiii jara kana ammoo biyya naannoo sunitti humna qabdu, Iraan kophaatti hambisa

Tanuma irratti US akka dameen nagaa Tokkummaa Mootummootaa waan durii Iraaniin adaban kaan ji’a Onkololeessa dhufuun duuballeetti itti jabeessan feeti.Chaayinaa fi Raashiyaan ammoo Iraan gargaarnii irraa dhowwuuf wal dhaqan.

Akka jecha Pirezidaanti Tiramapiitti UAE fi Israahel waan irratti walii galan kana torbaan itti yaanu keesatti Amerilaallee daratanii DCtti walii mallatteessuuf kurfoo jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG