Ministrii dantaa alaa Israa’eel keessatti Daayreekteerri dhimmootii dinagdee Afrikaa Shaaron Baar-Lii akka jedhantti gamtaa Afrikaa keessatti tajjabdummaan seenuun mootummaa isaaniif dhimmi iddoon duraa itti kennamuu dha.
Walitti dhiyaatanii mari’achuu fi yaada wal jijjiruun gama Dinagdee, siyaasa,nageenyaa fi misooma biyyoota lamaaniif bu’aa qaba jedhu.
Gamtaan Afrikaa Israa’eeliin in deggera taanaan Afrikaan bu’aa hedduu argachuu akka dandeessu himanii Kana jechuun imaammata mootummaa Israa’eel mara deggeruutu irra jira jechuu miti jedhu garuu doyyaa irratti mari’atan qabaachuu jechuu dha jedhu.
Israa’eel hanga bara 2002tti jaarmayaa Tokkummaa Afrikaa duraanii ykn OAU jedhamee waamamaa ture keessatti miseensa taajjabduu turte. Garuu inni diigamee erga gamtaan Afrikaa Hundeeffamee booda yeroo sana hogganaa gamtaa Afrikaa kan turan Moammar Gaadaafiitu Israa’eeliin keessaa baase jedhu ministrii dantaa alaa Israa’eel keessatti hogganaan kutaa Afrikaa Yoram Elron. Akka carraa hanga har’attu itti deebi’uuf hin milkoofne jedhan