Xurree ittiin seenan

Breaking News

Istaadiyoomiin Olombee Ugurameera


Wixataa dheengaddaa tapha kubbaa miilaa Afrikaa Kaameruun fi Komoroos gidduutti tasifamee
Wixataa dheengaddaa tapha kubbaa miilaa Afrikaa Kaameruun fi Komoroos gidduutti tasifamee

Wixataa dheengaddaa tapha kubbaa miilaa Afrikaa Kaameruun fi Komoroos gidduutti tasifameen walqabatee balbalaa istaadiyoomi Olombee irratti waldhiibbaa uumameen namoonni kukkufanii dhidhiitamuudhaan libbuun namoottan saddeetii ergaa darbee boodaa, Koonfeedereshiiniin kubbaa miilaa Afrikaa akka taphii istadiyoomii guddichaa biyyatti Olombeetti hin taasifamee murtoo Uguraa dabarseera.

Prezidaantin Koonfederashinii kubbaa milaa Afrikaa ( CAF) Paatriis Motsepee ibsaa kennanin, amma istadiyoomiin Olembee keessumeesuu qabuu ol namootta kumaan lakkawaman seenuu isaanii himanii yemmuu tapha Kaameeruun fi Komoroos wantii hedduun seera hin eegganne raawwachuu isaanii ibsaniiru.

Akka murtoo CAF Kanaan istaadiyoomii Olombeetti taasifamuudhaaf taphoonni karoorfaman hunduu garaa stadiyoomii Ahmaduu Ahijoo isaa magaalaa Yaawundee keessatti argamutti darbaniru. Ugguriin satadiyoomii Olombee irratti kaa’amee ammaa yoomitti akka ta’ee CAF wantti jedhee hin jiruu.Sababinni balaan lubbuu namoottan Saddeetii galaafatee, namoottan 38 ol irratti miidhaa geesise Mootummaan kameeruun fi CAFn ammayuu qorattaa akka jiran ibsaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG