Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa Gidduu Muddamsa Jiru Furuuf Keeniyaan Yaada Haaraa Dhiheessite


FAAYILII - Pirezdaantii Somaaliyaa HasanSHeek Mohamud fi Muummee Ministiraa Itoophiyaa Abiyyi Ahimad, Moqaadishoo, Somaaliyaa, Waxabajjii 9, 2022.
FAAYILII - Pirezdaantii Somaaliyaa HasanSHeek Mohamud fi Muummee Ministiraa Itoophiyaa Abiyyi Ahimad, Moqaadishoo, Somaaliyaa, Waxabajjii 9, 2022.

Ityoophiyaan buufata humna galaanaa akka hundeessituuf waliigaltee Somaalilaand waliin tolfattee sana booda, waldhabdee Ityoophiyaa fi Somaaliyaa gidduutti uumame salphisuuf, Keeniyaan waliigaltee galaanaa kan naannoo dhiheessuu ishee qondaalli olaanaa Keeniyaa Kamisa kaleessaa ibsaniiru. Buufata Donii kan hin qabne Itiyoophiyaan Amajjii 1 bara 2024 ulaa galaana dhaqqabsiisuu argachuuf walii galan.Itiyoophiyaan immoo jijjiirraa isaatiin Somaalilaandiif beekamtii kennuu akka dandeessu dhiyeessite.

Kunis deebii mormii Somaaliyaa irraa kan kakaase yoo ta’u, walii galteen kun naannoo Gaanfa Afrikaa daran tasgabbii dhabsiisuu danda’a jedhamee yaaddoo guddaa uume. Yaadii waliigaltee Keeniyaan Jibuutii fi gareen IGAAD waliin mari’achuun dhiheessaa jirtu kun, akkaataa mootummoonni naannoo Sanaa kanneen lafaan marfaman, haala daldalaatiin buufata doonii argachuu akka danda’an kan dandeesisuu ta’uu barreessaan olaanaa dhimma alaa kan Keeniyaa Korir Sing’oei Rooyitarsiif himaniiru.

''IGAAD qabeenya galaanaa qooddachuuf waliigaltee bocuu danda'a,'' jechuun, garee biyyoota naannichaa walitti fidu kanaaf eeran. Kamisa kaleessaa Prezdaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad gita isaanii kan Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo waliin, waldhabdee kanaaf furmaata dippilomaasii argachuuf tattaaffii taasifamaa jiru ilaalchisee Naayroobii keessatti walgahii gaggeessaniiru.

"Dhuma irratti ktaan sun hundii tasgabbaa'ee akka hafu yaadamee qaamolee hunda waliin hojjechuu itti fufna," jedhan Sing'oei. Furmaanni Naayiroobii kun yoo fudhatama argate, Itiyoophiyaan "qabeenya galaanaa tasgabbaa'aa fi tilmaamamuu danda'u argachuu" waan ta'eef, daldala ishee osoo hin gufachiisiin raawwachuu akka dandeessuuf, abba biyyummaa Somaaliyaas akka kabajjuu dabalanii ibsan. Somaaliyaa fi Itiyoophiyaan yaada dhihaate kana ilaalaa akka jiran, hoggantoonni isaanii adeemsa kana ceesisuuftarkaanfachiisuuf, walga’iin akka ilaalan gaafatamaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG