Itiyoophiyaa fi Somaaliyaan waldhabdee isaanii karaa nagaa hiikkuuf Tarkiitti waliin dubbii jalqaban marsaan tokkoffaan wiixata kaleessaa xumurameera. Itiyoophiyaan gaafa Amajjii 1 bara 2024 naannoo adda baate Somaalii land kan akka Addunyaatti biyya ta’uu isheef beekamtii hin arganne waliin walii galtee wal hubannaa hulaa galaanaa ishee fayyachiisu waliif mallatteessaniin booda Itiyoophiyaa fi Somaaliyaan wal dhabdee keessa kan galan guyyaa kaleeessaa gidduu seentummaa mootummaa Tarkii tiin waliin dubbii jalqabaniiru.
Dubbii himaan ministira hajaa alaa Itiyoophiyaa Ambaasaddar Nebiyyuu Tedilaa waa’ee marichaa ilaalchisuun ibsa sagalee Ameerikaaf kennaniin Waldhabdeen biyyoota lamaanii karaa nagaa furmaata akka argachuu qabu ministiroonni hajaa alaa biyyoota lamaanii qophii ta’uu isaanii ibsaniiru jedhaniiru.
Gaanfa Afiriikaa duruumaanuu rakkoo nageenyaa wal xaxaa keessa jirtuuf Itiyoophiyaan madda rakkoo biraa taateetti kan jette Somaaliyaan Walii galtee wal hubanichaa guutummaa guuttuutti yoo hin haqne mariif hin taa’uus jettee ture. Ibsa waloon Ankaraarraa ministiroonni haajaa alaa biyyoota lamaanii marichaan booda kaleessa baasaniin garaargarummaa isaanii akaraa fudhatama qabuunii fi karaa nagaa hiikuuf walii galuu isaanii ibsaniiru.
Marichi kaleessa taasifame marsaa jalqabaa ta’uu isaa kan ibsan Nabiyyuu Tedilaa marsaa lammaffaan Fulbaana 2 bara 2024 irra deebbiin akka taasifamuuf jirus sagalee Ameerikaatti himaniiru. Gama angawoota Somaalii laandiin walii galtichi dhiyyeenyatti gara hojiitti akka seenamu ibsaa jiraatanis gama Itiyoophiyaan hanga ammaatti walii galtichi sadarkaa maaliirra akka jiru ifatti waanti ibsameeru hin jiru. Dhimma kanarratti kan gaafataman Nebiyyuu Tedilaa yeroon isaa yommuu ga’u mootummaan Itiyoophiyaa ni ibsa jedhaniiru.
Gabaasa Sagaleen Ameerikaa Afaan Somaalee gabaaseenimmoo Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheeyik Muhaammud Marii ministiroota haajaa alaa biyyota lamaanii kan Tarkiitti taasifameen booda Mooqadishoorraa ibsa kennaniin Itiyoophiyaan walii galtee Somaalii land waliin taasifte dubbatti deebisuu ishee kallattiin agarsiisu hanga ammaatti hin jiru jedhanii mariin Tarkiyeetti taasifame kun gaaffii mootummaan Itiyoophiyaa mootummaa Tarkiyyeef dhiyyeessanirraa kan dhufedha jedhaniiru.
Ministirri haajaa alaa Somaaliyaa immoo fuula midiyaa hawwaasaa “ x” irratti barreeffama maxxansaniin ammayyuu garaagurmmaan guddaan gidduu isaanii akka jiru ibsaniiru. Keeneedii Abaateetu Finfinneerraa Gabaase.
Forum