Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa fi Sudaan Rakkoo Daangaa Irraa Furuuf Cichaan Hojjenna Jedhan


Ethiopia South Sudan Civil War
Ethiopia South Sudan Civil War

Muummichi ministeera Itiyoophiyaa Dr. Abiy Ahimed erga walitti bu’iinsi qonnaan bultoota daangaa Sudaanii fi ka biyya ofii gidduutti ka’ee booda prezidaantii Sudaan Omar al-bashiriif ergaa erganii jiran.

Erga kana kan ergan kan prezidant al Bashir fi ministeera dhimma alaa biyyattii al-Dardiri Mohamed Ahmed waliin Kaartuum keessatti wal argan ministeera dhimma alaa Itiyoophiyaa karaa Dr. Warqinee Gabayyoo ture.

Dr. Warqineen ibsa tuuta oduuf kennaniin akka jedhanitti ergaan sun hariiroo biyyoota lamaanii fi dhimmoota naannoo ti jedhan.

Biyyooni lamaan rakkoo daangaa irratti uumame furuuf wal ta’iinsaa fi qindoominaan waliin ni hojjetu jedhan. Gama biraan Ahmed akka jedhanitti muummichi ministeeraa itiyoopiyaa fi prezidaant al-Bashir dhimmoota akka kanaa irra aanuuf biyyoonni lamaan lmaan cicha qabaachuu isaanii ibsan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:51 0:00
More
XS
SM
MD
LG