Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa keessatti oromoo hidhuun itti fufee JIra


Finciila uummataa biyyoota Afrikaa kaabaa fi giddu galeessa bahaa keessa jiru ittisuuf jecha mootummaan Itiyoophiyaa tarkaanfii kana fudhataa jira jedhu mormitonni.Hidhaan yeroo ammaa kana gaggeeffamu Oromiyaa irratti qiyyaafate.Hogganonni paartilee mormituu kan Oromoo lama akka jedhantti, miseensonni paartii isaanii 100 tokko ta'an torbanneen darban lama keessatti polisootaan hidhamaniiru.

Namni Afaan Oromoo dubbatuu fi miseensa paartii biyyatti bulchaa jiru hin taane shakkamaa ta'uun hidhamuu danda'a kan jedhan itti aanaa hogganaan paartii WAFIDO obbo Baqqalaa Garbaa, yoo paaartii mootummaa hin deggertan ta'e, carraa isin eegu isin agarsiifna jedhu.Kanaaf jecha uummanni doorsisa jala jira jedhan.

Angawonni Oromiyaa garuu himata kana haaluu dhaan mootummaan mirga uummataa ni kabaja jedhu.Garuu kanneen yakka rawwatan seeraan itti gaafatamu jedhu.Mummichi ministeera Itiyoophiyaa mallas Zenaawwii gareeleen mormituu hangi tokko finciila kakaasuu fedhu, kanaaf haala jiru of eeggannoon to'ataa jirra jedhan.

MP3 tuquun guutuummaan dhaggeefadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG