Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa Keessatti Bulchiinsa Naannoo 12ffaa Hundeessuuf Naannoo Kibbaatti Sagaleen Kenname


FAAYILII - Magaala Hawaasaa, Adoolessa 18, 2029
FAAYILII - Magaala Hawaasaa, Adoolessa 18, 2029

Bulchiinsa naannoo Saboota, Sablammootaa fi Ummata Itiyoophiyaa gama Kibbaa keessatti, jiraattonni godinaalee jahaa fi konyaalee addaa shan keessa uummanni jiraatu, bulchiinsI mootummaa naannoo haaraan akka ijaaramu murteessuuuf har’a sagalee kennanii jiran.

Kanaafis uummanni Miliyoona 3 caalan kan irratti hirmaatan yoo ta’u, Filattoonni godina Gaamoo magaalaa Arbaamiinc keessatti har’a ganama barii toora dheeraa dhaabbachuun, hiree murteeffannaa bulchiinsa naannoo 12ffaa hundeessuuf sagalee kennaan.

Deemsa sagalee kennuu kana ilaaluuf komishinni mirga namoomaa kan Itiyoohiyaa gartuu ogeessootaa baabbaasee kan jiru yoo ta’u buufataalee sagalee keessatti kennan 3770 ta’uun ibsamee jira.

Deemsi seeraan alaa gaggeeffameera kan itti jedhame godina Walaaytaa keessa kan jiru buufata tokkotti deemsi sagalee kennuu aaddaan citee namoonni shakkaman lama to’annaa jala oluun ibsamee jira.

Deemsi sagalee kennuu kun nagaan gaggeeffamuu isaa bulchaan goodiina Gaamoo Obbo Birhaanuu Zawdww ibsanii jiru.

Komishinni filannoo kan biyyoleessaas hordoffii gochuu isas ibseera jechuun Yonaataan Zabdiwos gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG