Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abbaan taayitaa Mootummaa Itiyoophiyaa tamsaasa midiyaaleen biyya alaa dhowwe


Dhaabbanni Raadiyoo fi Televijiini Ahaaduu qophiilee Miidiyaalee biyaa alaa irraa Liinkiidhaan fuudhee tamsaasu akka dhaabu abbaan taayitaa sabaa imaa/midiyaa Itiyoophiyaa ajaja dabarseera.

Buufannii Midiyaa Ahaaduu Onkoloolessa 19/2013 eegalee akka tamsaasa addan kutu xalayaadhaan ajaje. Xalayichii "kaayyoo Ittin dhaabateen ala," jechuu irra kan darbe sababa addaa hin kennine.

Xalaayaan qaama mootummaa kun kan qaqqabe sagalee Amerikaa isaa tamsaasaa ture Ahaaduu dabalatee, jarmiyaalee midiyaa warren dhaabata midiyaa alaa irraa qophii fudhaanii tamsaasan hundumaaf akka ta’e gabaasaan sagalee Amerikaa Iskindir Fireewu ibseera.

Xalayaan abbaa aangoo eeyyama hojii midiyaa daarekteera galmee fi beekumsaatiin mallatteeffamee bahe kun murtichii kan yeroo ykn immoo dhaabataadhaan ta’uu fi dhiisuu isaa irratti waan jedhe hin qabu.

Buufannii Raadiyoo fi Televijiinii Ahaaduu ajaja abbaa taayitaa kan irraa kennameen tamsaasa sagalee Amerikaa har’aa jalqabee dabarsuu dhaabeera.

Yaadawwan Ilaali (14)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG