Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Adda Bilisummaa Uummata Tigraay Waliin Dubbachuu Haala Ishee Dandeessisan Qorataa Akka Jirtu Dubbatte  


FAAYILII: Mummicha Ministeera Itiyoophiyaa Abiyyi Ahmad, Hagayya, 2019
FAAYILII: Mummicha Ministeera Itiyoophiyaa Abiyyi Ahmad, Hagayya, 2019

Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Abiyyi Ahmad har’a miseensoota paarlaamaa biraa gaaffii dhiyaateef deebii kennanii jiru. Walitti-bu’iinsa Itiyoophiyaa gama kaabaa kan ilaaleen haga ammaatti mootummaa Fedeeraalaa fi Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT)giddutti mariin gaggeeffame hin jiru jedhan.

Garu koreen itti aanaa isaanii Obbo Dammaqaa Makonniniin dura ta’aa itti ta’an marii gaggeffamuu maluuf haal duree barbaachiisan murteessuuf hojjataa jira jedhan.Koreen kun Guyyoota 10 hanga 15 giddutti koree hojii koree rawwachiiftuu paartii badhaadhinaaf gabaasa akka dhiyeessuuF jiru mummichi ministeeraa Abiyyi Ahmad ibsanii jiru.

Koree hojii raawwachiiftuu paartii Badhaadhinaan Koreen kun hundeeffamuu ifatti ennaa ibsu kun kan jalqabaa yoo ta’u yoom akka hojii jalqabees hin ibsamne.

Koreen kunis gabaasa guutuu qabatee ennaa dhiyaatu uummataaf ifatti kan labsamuu akka ta’e Mummichi ministeeraa ibsanii jiru.Gara mareetti kan seenamuu taanaanis Itiyoophiyaa bakka bu’uun kan dubbachuuf jiru koree’uuma kana ta’u ibsan. Odeeffannoon dhokfamuu waan hin jirreef yeroon ga’e mariin ennaa jalqabamuu ifatti ni labsiina jedhanii jiran.

Dhimma kana ilaalhisee Xalayaa banaa waajiira prezidaantii bulchiinsa bulchiinsa naannoo Tigraay biraa ba’e akka jedhutti, ejjennaan mootummaa Tigraay waan jijjiramee hin qabu.Deemsa nageenyaa qabatamaa loogii hin qanee fi qajeelafama qabu akkasumas kanneen walitti bu’iinsa Itiyoophiyaa keessatti ta’eetti hirmaatan giddutti ta’uuti ni hirmaanna jedha.Kanaafis jila sadarkaa olaanaa kan aangoo guutuu qabuu fi ibsii kennameef erguun qohii ta’una jedh keenyaa beeksisaa kunis walgahii mootummaan keniyaa walitti fiduun keessummeessuuf ta’uu beeksiifma jedha.

Mummichi ministeeraa Abiyyi Ahmad dhimmi biraa paarlaamaa keessaa ka’e deebii itti kennaniin, Kanneen dhiyeenya kana hidhaman Gaazexxessootaa fi warra yuuTubii irratti qophii dhiyeessan kan ilaaleenis paarlaamaa keessatti ibsa kennaiinisaan keessaa hangii tokko hokkara Kakaasuu keessaa harka qabu kan jedhan Dr Abiyyi,namoota akka roogeessaa fi Gaazexxessuummaatti dhaabattoota guutuu biyyaa barbadeessan adda baafnee ilaaluu hin qabnu. Abbaa biyyummaa biyyaa kabajsisuu irratti Deemookraasiin jiraatu hin jiru jedhan.

Hogganoonni Tigraay immo, mummichi ministeeraa Abiyyi bulchiinsa naannoo keessatti aangoo mootummaa waaltaa barbaadu jechuun himatu. Dr.Abiyyi gama isaaniin, TPLF aangoo biyyati bulchuu kan bara 2018 harkaa ba’e sana deebisee qabachuu barbaadu jechuun himatu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG