Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Dipiloomaatota Koo Afur Biyyaa Isheetii Baaste Jetti Ayerlaand 


Ministarri Haajaa Ayerlaand Saaymoon Koove
Ministarri Haajaa Ayerlaand Saaymoon Koove

Itiyoophiyaan dippiloomaatota Ayerlaand biyya ishee keessa jiran 6 keessaa 4, akka biyya ishee keessaa ba’an ajajjee jirti, jechuudhaan Ministarri Haajaa Alaa Ayerlaand beeksisee jira.

Ejjennoo Ayerlaand waa’ee wal-dhibdee Itiyoophiyaa keessaa irratti qabdu irraa kan ka’e Itiyoophiyaan tarkaanfii kana fuhatte, jechuun – Ministarri Haajaa Ayerlaand Saaymoon Koovenii har’a ibsuu isaanii Maddi Oduu Ajaans Firaan Prees gabaasee jira.

“Mootummaan Itiyoophiyaa tarkaanfii kana fudhachuutti baay’een gaddda. Gola naga-eegumsaa Tokkummaa Mootummootaa keessatti dabalatee ejjennoon nutti sadarkaa addunyaatti waa’ee Itiyoophiyaa irratti qabnu ejjennoo fi ibsawwan Gamtaa Awurooppaatiin beeksisaman wajjiin kan wal simate,” jedhan, Ministarichi Haajaa Alaa Ayerlaand – Kooveeniin.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG