Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Hoo Mariin 'IMF' fi Baankii Addunyaa Milkaahe Doolaara Biiliyoona 10.5 Argatti: MM Abiyyi


Asxaa dhaabbata maallaqaa 'IMF'
Asxaa dhaabbata maallaqaa 'IMF'

Maddii Oduu Rooyiters ibsa Muumichaa Ministiraa Ityoophyaa, Abiyyi Ahimad, waabefachuudhaan akka gabaasetti, marii Dhaabbata Maallaqa Addunyaa IMF fi Baankii Adduunyaa waliin waggootan shanan darbaniif taasifamaa tureen ijjannoon Itiyophiyaa yoo fudhatama aregata ta’e biyyattin gargaarsa doolaara Biiliyoonii kudhanii fi walakkaa argachuu dandeessi.

Abiyyi kamisa har’aa mana maree bakka bu’ootaa irratti yemmuu dubbatan, marii waggoottan dheeraadhaaf taasifamaa turee keessatti gareewwan lammanuu wal irratti jabaachaa akka turan himanii, yeroo ammaa gargaarsa biyyoottan fira ta’aniin dhaabbileen maallaqaa lamman yaada Itiyoophiyaa akka fudhachuuf jiran ibsuun isaanii gabaasameera.

Maddaawwaan dhimmichatti dhiyeenya qabani fi dipilomaatota biyyootan dhihaa dhiheenya kana dubbatan kan waabeffate Rooyiters, Ityoophiyaan sagantaa haaromsaa jalatti dhaabata Maalaqa Adduunyaa, 'IMF', irraa doolaara biiliyoonii 3.5, Baankii Adduunyaa irraa doolaara biiliyoonii 3.5 gargaarsaa bajataatiif, akkasumas doolaaraa biiliyoonii 3.5 kan furii liqii irra argamu Itiyoophaan akka barbaaddu gabaasee jira. Waliigaltee IMF wajjin taasifamu kana milkeesuudhaaf Ityoophiyaan gatii sharafa Birrii akka gadi buuftu dhiibbaa taasisamaa jiru fudhachuu akka dandeesuus gabaasa kana keessatti eeramee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG