Hogganaan komunikeeshinii humna Elektirikii Itiyoophiyaa VoA'tti akka himanitti, biyyattiin humna eleektrikaa gara Keeniyaatti erguu Kamisa darbe eegaluu ishee fi waggaatti doolaara miiliyoona 100 argachuuf karoorfattee jirti.
Itti gaafatamaan komunikeeshinii dhaabbata tajaajiila humnaa mootummaa Moges Mekonen akka jedhanitti, gara alaatti erguun kun Meegaa Waatii 75n kan eegale yoo ta’u, bu’uura waliigaltee biyyoota lamaanii mallatteesaniin, waggoota sadii booda gara Meegawaat 200tti akka ol guddatu ibsan.
Moges akkasumas waggoota sadii booda maallaqni al-ergii gara ol’aanaa MW 400tti akka ol guddatu hubachiisaniiru.Waggaa sadii booda, gara meegaa waatii 400tti akka guddatuus ibsaniijiru.
Miidiyaaleen Keeniyaas akka gabaasanitti biyyattiin humna ibsaa Itiyoophiyaa irraa Kamisa dabree laasee galfachuu eegalte jedhan.
Forum