Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Looltoota Koo Torba Ajjeeftee tokko Qabattee Jirti: Sudaan 


Maapii Ioophiyaa fi Sudaan agarsiisu
Maapii Ioophiyaa fi Sudaan agarsiisu

Waraannii Itiyoophiyaa looltoota koo 7 ajjeesuun kan biraa tokkoo fi sivilii tokko qabatte jechuun Sudaan himattee jirti. kanaafis deebii kan kennitu ta’u ibsa baasteen Sudaan dhaadattee jirti.

Waggoota dhiyeenya kanaa keessatti naannoo daangaa irra kan jiru Al Fashaqaa kanbulchiinsa naannoo Tigraayti dhiyeenya qabukeessaatti darbee darbeewalitti bu’iinsii waraanaa gaggeeffamaa ture.

Faallaa seera jiran hundaa, akkasumas seera waraanaa,fi gargaarsa dhala namaa kan addunyaa cabsuun waraannii Itiyoophiyaa looltoota koo 7 ajjeesan kan jedhu humnii waraanaa Sudaan tokko qabamuu ibsee jira.

Itiyoophiyaa biraa battalumattideebiin kenname hin jiru. Angawaan waraana Sudaan kan eenyummaan isaanii akka hin ibsamne gaafatan akka jedhanti, naannoo daangaa kutaa Al- Fashaaq tti dhiyoo lafa ta’e irraa boji’aman.

Lafa daangaa biyyoota lameenii irra jiru fi qonnaan tolaa ta’e kan qonnaan bultonni Itiyoophiyaa qotataa turan, Sudaan kan kooti jechuun ishee biyyoota lameen giddutti darbee darbee walitti bu’iinsa uumaa waan jiruuf jecha hariiroon biyyoota lameen gidduu hammaataa jira.

Muddamsii kunis caalaatti kan hammaate wal waraansii Tigraay keessaa baatii Sadaasa bara 2020 eega jalqabamee boodaa fi baqattonni kuma kurna hedduun gara Sudaanti eega dheessanii booda.

Kana malees ijaarsa hidha laga Abbayyaa kan ilaaleen Sudaanii fi Masriin Itiyoophiyaa waliin rakkoo keessa seenanii jiru.

Mootummaan Itiyophiyaa akka jedhutti walitti bu’iinsii kun waraanni Sudaanii fi shoroorkeessoota kan ittiin jedhe gareen ABUT lafa Itiyoophiyaa cabsanii seenuu isaaniin jalqabame.

Walitti bu’iinsa waraana sudaanii fi milishaa naannoo kan eenyuumman isaa qoratamuuf jiru giddutti umameen lubbuu namaa darbeef gadda itti dhaga’amee ibsee jira.

Waraanni sudaan daangaa Itiyoophiyaa seenee tuttuqqaa rawwatee ituu jiru waraana Itiyoophiyaa hiamchuun isaa haqa miti jedha.

Mootummaan sudaan haala kana hammeessuu irraa of qusatee haala jiru tasgabeessuu irratti tarkaanfii fudhata abdii jedhu kan qabu ta’u abdiin qaba jedha mootummaan Itiyophiyaa.

Mootummaan Itiyoophiyaas adda addummaa jiru irratti furmaata argamsisuuf cicha kan qabu ta’u ibsee jira.

ABUT fi aangawoota Tigraayiin bulchaa jiran irraa deebii argachuuf yaalaa kan jirru yoo ta’u akka argameettis kan dhiyeessinu ta’u beeksiifna.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG