Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootumman Itiyoophiyaa TPLFn Qabamee Kan Ture Naannoo Hedduu Gadhisise Jedhe


Faayilii - Miseensota humna waraanaa Itoophiyaa
Faayilii - Miseensota humna waraanaa Itoophiyaa

Itiyooophiyaan waraanni ishee naannolee hedduu harka TPLF jalaa walaboomsaa jiraachuu beeksiste. Ministeerri tajaajila kominikeeshinii mootummaa Leggesee Tulluu TV irratti ibsa kennaniin akka jedhanitti magaalaaleen tarsiimoo ta’an kan akka Gashena kaleessa humnootii Itiyoophiyaan to’atamaniiru.

Akka ministeerichi jedhanitti magaalaaleen kan akka Showaa Roobit, Molaalee, Mezezoo, Warra Iluu, Gennetee, Fichooftuu fi Aestaa humnoota Itiyoophiyaan deebisamanii qabamaniiru jedhan.

Dubbi himaan TPLF Geetaachoo Reddaa ergaa twitter irratti barreessaniin, hidhi humna ibsaa Tekezee humnoot Itiyoophiyaan boombiin haleelamuu isaa kan ibsan yoo ta’u, korporeeshiniin humna ibsaa Itiyoophiyaa immoo himannaa kana har’a haaluu dhaan oduun sun kan kijibaa ti jedhee jira jechuun Mallaskaachoo Ammahaa gabaaseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG