Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaatti Guyyaan Walabummaa Pireesii Kabajame


FAAYILII - Namoota gaazexaa dubbisan, Finfinnee, Onk. 10, 2016
FAAYILII - Namoota gaazexaa dubbisan, Finfinnee, Onk. 10, 2016

Guyyaan Walabummaa Pireesii addunyaa akka biyyaatti Itiyoophiyaatti Caamsaa 2 bara 2016, A.L.I tti har’a Finfinneetti marii rakkoo gama walabummaa pireesiin jiruu fi furmaata isaarratti marii taasisuun kabajamee ooleera. Manni maree saba himaalee Itiyoophiyaa fi dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti dhabbanni barnootaa Saayinsii fi Aadaa “ UNESCO”’n waliin ta’uun marii qopheessanirratti ogeeyyiinn Miidiyaalee fi qaamooleen isaan ilaallatu biroonis irratti hirmaataniiru.

Guyyaan walabummaa Pireesii Addunyaa inni bara kanaa Itiyoophiyaa keessatti kabajamaa kan jiru biyyattii keessatti yeroo walabummaan pireesii gadi bu’aa jiruttidha. Waggoota Shan dura bara 2011 biyya gaazexeessitoota hin hiine ykn biyya gaazexeessitoonni mana hidhaa ishee keessatti hin argamne jedhamuun kan baay’ee leellifamte guyyaan walabummaa Pireesii akka Addunyaa Itiyoophiyaa keessattillee akka kabajamu taasifamee ture. Ergasii as waggaa waggaan walabummaan Pireesii gadi bu’aa dhufuun madaallii bara kana taasiifameenis biyyoota 180 keessaa Itiyoophiyaan 141 irratti argamti.

Kana dura hoogganaa abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa kan turanii fi Yuunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa gaazaxeessummaa kana Doktor Geetaacheew Dinquu Itiyoophiyaa keessatti sadarkaan walabummaa Pireesii gadi bu’aa kan dhufe biyyattii keessatti walitti bu’insoonnii fi tasgabbiin siyaasaa dhabamuun sababoota guddaadha jedhaniiru.

Dhaabolii mirga namoomaa Itiyoophiyaatti daarikteera kan ta’an Masuud Gabayyoo Mootummaan labsii Miidiyaa kabajuu fi kabbachiisiitu irraa eegama jedhan.

Miseensa mana maree miidiyaalee Itiyoophiyaa keessaa tokko kan ta’e Taammiraat Haayilee , manni marichaa hojiirra oolmaa Labsichaarratti waantoonni rakkoo ta’an akka hiikamaniif hojjechaa jira jedhaniiru.

Dhimma kanarratti gama mootummaarraa deebii argachuuf yaaliin taasise naaf hin milkoofnbe jechuun Finfinneerraa Kenedii Abaateetu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG