Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoopiyaan Qorannaan Dhiittaa Mirga Namaa Tokkummaa Mootummootaan Geggeessamu Dhaabsisuu Hin Dandeenye


FAAYILII - Miseensoota humna waraanaa Itoophiyaa, Tigraay, Camsaa 8, 2021
FAAYILII - Miseensoota humna waraanaa Itoophiyaa, Tigraay, Camsaa 8, 2021

Itiyoopiyaan kamisa darbe tokkummaan mootummootaa biyyattii keessatti lola geggeessameen dhiittaa mirga namaa raawwatame qorachuuf koreen sadarkaa addunyaa hundaa’e deggersa maallaqaa akka hin arganne dhorkuu hin dandeenye.

Mootummaa Itiyoopiyaan mormiin cimaan dhiyaatu iyyuu, komiishinni hayoota dhimmootii mirga namaa kan Jenevaa keessa maadheffate manai marii mirga namaa kan tokkummaa mootummootaaan hundaa’e. Haadha alangaa muummee mana murtii yakka qoratu kan addunyaa duraanii Fatou Bensouda-n kan durfamu komiishnni miseensota sadii qabu kun, Sadaasa bara 2020 humnootii Itiyoopiyaa fi TPLF gidduutti lollli erga ka’ee as biyyattii keessatti dhiittaa mirga namaa raawwatame qorachuuf kan haaromsamu aangoon waggaa tokkoo kennameefii jira.

Koreen bajataa kan gumii walii galaa ka tokkummaa mootummootaa kamisa darbe wal ga’ii geggeesse irratti Itiyoopiyaan deggersa maallaqaa sana ittisu yaaltu iyyuu sagalee ga’aa hin argatin hafe.

Akka sagaleen kenname mul’isutti biyyoonni miseensota ta’an 66 sagalee mormii Itiyoopiyaa irratti yoo dhiyeessan, sagalee deggersaa 27 fi 39 immoo calliinsaan darbaniiru.

Dubbi himaan tokkummaa mootummootaa Stefen Dujaariik komiishiniin keenya biyyoota miseensota ta’an, gumii mirga namaatiin deggeramuu akka qabu ni amanna jedhan.

Itti dabaluu dhaanis, Itiyooopiyaa ykn bakka biroo addunyaa keessa yoo ta’e, dhiittaan mirga namaa qoratamuu kan qabu, qaama utubaa itti gaafatamummaa fudhachuu ti jedhan. Gareen mirga namaa kan tokkummaa mootummootaa Human Rights Watch ba’ee sagalee kennuu sana simatee jira.

Itti gaafatamummaa yakka waraanaa fi dararaalee ka biroo raawwataman jalaa miliquuf orrannaan dhiittaa mirga namaa kan tokkummaa mootummootaa akka hin geggeessamne ittisuuf yaaluun fudhatama hin qabu jechuu dhaan biyyoonni miseensota tokkummaa mootummootaa Itiyoopiyaaf ergaa cimsaa dabarsaniiru jedha ibsi jarmiyichaan ba’e. Tokkummaan mootummootaas hatattamaan qorannaa sana geggeessuu qaba jechuu dhaan gareen hundaa’e gaafatee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG