Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaa fi Eertiraan 'dallaa jibbaa jaalalaan diiganii' wal guddifachuf walii galan jedha Dr.,Abiy Ahmed imaltuu hardha Asmaraan dhaqeen


Eritrea Ethiopia
Eritrea Ethiopia

Itoophiyaa fi Eertiraa waraanii ganna lamaa daarii lafaa irratti wal dhabsiisee wal aasisee nama kuma kurnya hedduu wal irraa ficcisiisetti walti hadheessee ganna 18 caalaa wal seerachiisee wal hanqise.

Bara 2000 bulchootii biyya lamaanii Melles Zeenaawiitii fi pirezidaanti Isaayyaas Afewaqrii kora daarii biyya lamaani irrati Aljeersitti taahe irratti walti dhufan malee takkma akka marii fi araaraa wal bira hin geenne.

Yoo muummeen minsitera Itoophiyaa hardha imaltuuf seenaa qabeettii jedhaniif Asmaraa gahe saleenii diimtuu ulfinnaa namaa afan afanii Pirezidaanti Isaayyaas,bulchoota mootummaa isaa,ummata itti dabalee diida xuyyuuraatti bahee simate.

Itoophiyaa fi Eeritaan asii achi waan guddinnaatii fi jaalalaa malee waan waraana hin dubbatanii jedhe Dr., Abiy.

“Akka daandileen qilleensaa hujiitti deebi’an,akka buufatii doonilee hujiitti deebi’an,akka ummatii biyya lamaanii walti yaa’u,akka embaasiin biyya lamaani banamuu fi nulleen guyyaa boqonnaa maatii teenna guurrannee biyya teenna lammeesoo,Eritaa keessatti bashannanuu fi anaa fi kabajama pirezidaanti Isaayyaasa Afewarqii walii galle.”

Jaalala ummata Eertiraa keessattu ka Asmaraa ka durii kitaabaa fi muuvii keessatti arginee dubbifne kaan hardha asitti argine jedhe Dr. Abiy yoo waan ummati biyya sunii dubbate.

Akka gabaasaa VOA Eertiraa jiru oduu nuu erge keessatti jedhetti ummatii Asmaraa ganamaanuu bahee karaa km 10 irratti bahee pirezidaanti Isaayyaasii fi muummee ministera Itoophiyaa makiinaan magaalaa keessa qaxxaamuran simate.

Kaan hubbaara footoo bulchoota lamaanii qabu naqatee,kaan meexxii guurratee bulchoota lamaan faarse.

Akka ministerii odeeffannoo Eertiraa Yemaanee G/Mesqel jedhetti muummee ministera Itoophiyaatii fi pirezidaantiin Eertiraa marii nagaatii fi araaraatiif akkana waltu dhufuun waan seenaa qabeessa.

Wannii Itoophiyaa fi Eeritaan armaa achi feetu akka Dr., Abiy jedhetti jaalalaa fi guddinna malee waan waraanaatii miti.

“Asii achi waan waraana sunii hin odeessinu. Asii achi humna hujiin hojjachuu dandeennu fi waan nagaa dubbachaa,waan ummata biyya lamaanii argachuu male hojjanneefii waan warrii dhabe deebifneefii hariyummaa biyya lamaanii oli guddisuuf waadaa galla.”

Nagaa biyya lamaaniituu deebisuuf akka muummee ministeraa jedhetti akka biyyaatuu wal ulfeessaa qalbii diriirtuun wal barbaadaa waliin jiraachuutti asi aana. Jaalaltii waan misaayilalle caala humna qabdi jedha.

“Misyaayila,kilaashii,bireeniin nafa namaa booji’anii,onnee namaa baaji’uu ammoo hin dandeene dhiifnee waan waaqii nuu kenne,ka barbaadaafillee Raashiyaa ykn Chaaynaa hin itti dhandheef,jaalalaan, dallaa jibbaa jissine,” jedhe.

Wannii guddoon muummeen ministera Itoophiyaa jechuu fedhe jaalaluma.

“Ergaan tiyya guddoon haa walti dabalamnuu. Jibbia dhiifnee jaalalaan haa walti dabalamnu. Akkuma na jaalattan gosa…jaaladhaa.”

Akka muummeen ministeraa jedhetti asii achi Itoophiyaa fi Eertiraa jidduu jaalala, ulfinnaa fi waliin guddachuu malee womaa hin jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG