Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaa Keessatti Sababa Hongeetin Barattoon Kuma 600 ol Baruumsa Dhaabuun Ibsame


Itoophiyaa Keessatti Sababa Hongeetin Barattoon Kuma 600 ol Baruumsa Dhaabuun Ibsame
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:06 0:00

Itoophiyaa Keessatti Sababa Hongeetin Barattoon Kuma 600 ol Baruumsa Dhaabuun Ibsame

Rakkoon Hongee yeroo ammaa Itiyoophiyaa muudatee jiru namoottan kuma dhibbatti lakkaawaman qe’ee isaanii irraa buqisee, barattonii kuma 600 ol akka baruumsaa isaanii dhaaban taasisu isaa dhaabbanni mootummootaa gamtoomanii ibsuun isaa gabaasameeraa.

Gabaastuun VOA Liindaa Giveetaash bulchiisaa Naannoo Somaalee magaala Godeetti argamuudhaan gabaasnii qindeesitee akka jedhetti, dhaabileen garagarsa ijoollewanii kan akkaa Seev ze chiildireen bakeewaan namoottan qe’ee isaanii irraa buqqan qubataniitii,bakka ijooleen baruumsaa dhaabuus dirqaman itti taphatan fi baruumsaa itti argatan qopheessaa jiru.

Gabaasni Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti dhimmaa ijoollewanii irratti hojjatu, UNICEF akka jedhetti baadiyaa keessatti barattoonii mana barnootaa sadarkaa jalqabaa keessaa jiran dhibeentaan 60 qabxii mana barumsaa kutaa itti aanutti isaan dabarsuu danda’u argachaa hin jiran. Barattootaa qormaataa kutaa 8 ti fudhatan keessaa kan darbuu danda’nii garaa baruumsaa olaanaatti ce’an dhibeentaa 54 qofaa akka ta’e UNICEF gabaasuun isaa beekameera.

Sababa adda aaddatiin gargar kutuu baruumsaa hanqisuun barbaachisaa ta’uu isaa kan dubbatan Itiyoophiyaatti daarekteeraa UNICEF kan ta’an Jiyaanfraankoo Rootijiliyaanoo akkanaa jedhan.

"ganna tokkoo ykn ganna lama yoo baruumsaa addaan kutan , mana baruumsaatti hin deebi’anu. Yemuu umuriin kee waggaa 14 tau’u wareen waggaa 11 fi 12 wajjion teesse barachuun sitti hin tolu. Maatiin iyyeesa. kanaafuu sababa dhiibani itti fufuu hin aragnu. Kanafuu wantii inii umuu danda’u waan dinqisisaadha."

Yemuu buqaa’onii dabalaa deemaa jiran kannatti manneen baruumsaa bakka qubannaatti ijaaraman waan guutaa deemaniif mannoottan baruumsaa dhaabbataa ta’an akka ijaaramuu qaban ogeessonii baruumsaa yaada kennaa jiraachuu isaanii gabbasni Liindaa Giveetaash Godee irraa qindeesite kun ibseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG