Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaan dorgommii Qaxxaamura Addunyaa ta baranaatiif atileetota 24 filatte.


Punta Umbria, lafa (Spain)ta dorgommii World Cross Country Championship ykn dorgommii Qaxxaamura Addunyaa ta gaaraa bahanii,tabra qaxxaamuranii,tulluu irraan qaarahanii, gufachaa,gugguufaa lafa diidaatti wal dorgoman ta baranaa qopheessiti.

Addunyaan tana waliin dorgommii akkanaa marroo 39eessoo kopheessite.

Miilotii akka Daraartu Tulluu,Qananiisaa Beqqelee faan keessa jiraachu baatanillee Itoophiyaan akka jecha daarektera Federeeshiinii Atileetikisii Itoophiyaa,Obbo Duubee Jilootti garee haaraa tana irraa abdii qabdi.

Spain dorgommii guyyaa tokkoo ta ganna sadiin duratti qopheessuuf milkoofte tana Sanbata kana jalqabsiifti.

Itoophiyaan dorgommii dhiiraan km 12 fi km 8 fi dubraan ammoo km 8fi km 6 nama 24 itti filatte.

Eennutti maaniin galta?Mee waan nu obbo Duubee Jiloo gaafanne MP3 computera keessan gama harka mirgaatiin jiru irraa caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG