Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaan Jecha Lebanon, Paayleetii Itoophiyaatti Balaa Xuyyuuraa 2010 uume jette Hin Fudhanne


Xuyyuurii bara 2010 keessaa Beerut,Lebanonitti lafa dhahee nama 90 caalaa fixe akka jecha bulchoota Lebanonitti balleessaa paayleetii Itoophiyaati.Paaylootiin kun akka gabaasa baheeetti qilleensaa fi bubbee hamtuu keessaa xuyyuura oofuun,muuxannoo fi beekumsa dhabiitii.

Xuyyuurii kahee adoo hin turinuu qilleensaa irraa bobahaa bu’e jedhan Boeing 737, nama baatee deemuun garba Meteraniyaan keessatti lafaan dhahee fixe.

Bulchootii Lebanon rakkoo tana paayleetii Itoophiyaatti mormatanillee akka jecha Itoophiyaatti dharaa.

Taatullee akka obbo Teweldee Waldee Maariyaam,Itti Gaafatamaa Daandii Qilleensa Itoophiyaatti dhara.“Gabaasii kun dhara,gabaasii kun ragaa hinqabuu,dubbii mirkanaallee irratti hin hundoomne.”

Bulchootii Lebanon dubbii akka abbaan balleessaa qabe qoratamuu male jedhan lafa irra harkisan,akka caaccabii xuyyuuraa dafee qoratamullee itti hin ariifanne.

Obbo Teferraa Mekonnin,warra balaa xuyyuuraa gama Itoophiyaa qoratu keessaa tokko.

“Bulchootii Lebanon caaccaba kana harka 92 akka qoratamuuyyuu hin goone.”

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG