Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaan Jireenna Kufe Ol kaasuuf Gatii Sharafa Maallaqa Ishee Gad-cabsuu Filatte



Birriin Itoophiyaa dhibba irraa harka 17 gadi buute, eennuti wa jalaa argataa, eennuti ammoo miidhama?Itoophiyaan jireenna biyyaa oli qabuuf jettee gatii sharafa birrii isii harka 17 gadi buufte; tana jechuun ammoo doolarri Amerikaa tokko gara birrii Itoophiyaa 17tti jijiiramaa jechuu.

Malli kun akka doolarri hedduun biyya seentu tolchuu taatullee akka birriin Itoophiyaa waa bituuf humna hin qabaanne tolche.
Taatullee Dhaabi Maallaqa Addunyaa[IMF] damee Finfinnee ammoo malli gatii sharafa maallaqaa gad buusuu kun fala jireenna kufe ittiin ol qabanii biyya addunyaatti drogomsiisan keessaa tokko jedha.

Hayyee birrii gadi caphxe jalaa eenutti wa argataa eennutti harka dhadhawatee ykn womaa keessaa dhabee gala?Obbo Alaazaar Adulaa,baankii Oromiya international Bank ta Finfinnee jirtutti ogeessa karooraa fi qorannoo ti. Warri biyya alaatii wa bitu ykn ka waa alaa bitatee ol galfatu womaa jalaa hin argatu warrii biyya keessatti wa oomishu ammoo bu’aa argata jedhu.*

Malli kun akka obbo Alaazaar jedhanitti akka namii biyyuma keessaa waa bitatu tolcha.Taatullee jedhu Obbo Alaazaar gatii birrii gadi buute tana mootummaan dursee akka dansaa namatti hin himne. Mee guutummaa qophii kanaa MP3 ka gama harka mirgaa irra jiru tuqaa dhaggeeffadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG