Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaan waldorgommii Kooriyaa Kibbaatii atileetota 38 kopheeffatte


Ilaa fi gurrii addunyaa tanaa ji’a kana gara dira ykn magaalaa Kooriyaa Kibbaa biyya isaanii keessaa guddinnaan abreessoo taate,Daegu jira.Namii kuma dhibba hedduu biyya tana dhaqa, miliyoonii hedduun TVn waldorgommii Atileetiksii Addunyaa Hagayya 27 haga Fulbaana 4, 2011 daawwata.

Namuu waldorgommii IAAF,Fedireeshiiniin Waldaa Atileetiksii Addunyaa kopheesse 13eessootii akkana kophaaha. Waldorgommii,maaratoonii haga meetira 100,kuruphachuu fi darba waraanaa dabalee waan hedduun dorgoman.Biyyitii tana irratti dorgoman cuftii nama isaanii ka hin fiigaamitii akka allaattii barrisu,akka dhagaa eboo ykn waraana darbatu,akkuma kuruphee wa kuta jedhan, ka ganna hedduuf leenjifachaa bahan filatanii dhufataniin.Namuu biyya ufii addunyaatti maqaa isii guddifachuf dorgoma.Namii moohate ammoo doolara miliyoona hedduu ammaarratee galtaan,doolara miliyoona 70tti qophaahee abbaa fudhatu eegata.

Akka obbo Duubee Jiloo,Daarektera Daarekteroota Teknikaa fi Ogummaa Atileetiksii Itoophiyaatti, Itoophiyaan atileetoa akka Daraartuu Tulluu fi bebeekamoo ammatti qabaachuu baattullee abdii guddoon dorgommii tana dhaquutti jirti.

“…Atileetotii amma minima guuttte haareyaa..yoo ijoolleen tun nuu dorgomte namuma jiruun itti hirmaannee…qabxii duraan qabnu taan hin argannaa jenneetii itti qophaahaa jirra.“

Itoophiyaan dorgommii Kooriyaa Kibbaa tana irratti atileettota 38 qopheeffatte.

Warra wal dorgommii tanaaf filatamee qophiitti jiru keessaa tokko Genzebee Dibaabaati.

“Dorgommii tana irratti maqaa biyya kootii waamsisuuf…ijoollee wajjiin dorgomnus daballee wal gargaarree moohachuuf qohaahe.”Atileetotii amma dorgoman tun hagii guddaan naannoo Oromiyaatii dhufan taatullee ta naannolee dhibiilleen hedduutti keessa jira.

Warra waldorgommii tanatti jiruun milkaahaa jennaa mee qophii Ispoortii tana MP3 irraa nuu caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG