Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaan leenjisaa haaraa kubbaa miilaa isiitiif bitatte


Tom Saintfiet,leenjisaan haarahii garee Afrikaa akka akkaa leenjisaa guddise kun, Itoophiyaan eessaan gaha fakkaata?

Itoophiyaan atileetiksiin addunyaa irratti jabeennaan guddoo beekatullee,gama kubbaa miilaa kanaan waan guddoo laaftuu.Dhiyoo tanallee gareen Naayjeeriyaa 4-0 Itoophiyaa moohatte. Akkuma taateefu ammallee tapha kubbaa miilaa Afrikaa bara 20120-tii kophaahuutti jirti, hagasittuu tapha akka akkaa garee hedduu waliin taphatti.

Itoophiyaan garee kubbaa miila isii tanaa falachuuf ammallee ittuma jirti.Dhiyoo tanallee nama biyya Belgiuma ka garee Namibiyaa fi Zimbaabuwwee leenjisaa bahe,Tom Saintfiet akka garee kubbaa miila isii leenjsiuuf bitatte.Akka taateefuu,hujiin guddoon leenjisaa kanaa garee tana tapha Afrikaa ka ganna dhufuutii qopheessuu,namilleen leenjisaa kana irraa waan hedduu eegata.

Akka itti gaafatamaa odeeffannoo Fedireeshiinii Kubbaa Miilaa Afrikaa,obbo Melaakuu Ayyeleetti wannii ariitin tahaa jirtu.Isumaa egerii kubba amiilaa guddisuuf ijoollee itti guddisuu wayya.

“Wannii mamaa ta ariitin tahaa hin jirtu taatullee leenjisaan kun beekumsa armaan duratti kuufatee nuu fidaa jennee abdanna.”

Gama kaaniin ammoo dorgommii Premier League Itoophiyaa ta Onkololeessaa dabre keessaa garee 16 jalqaban amma dhumachuuf taphuma diqqaatti hafe.Garee afuritti moohachaa yaahuutti jira.

Mee qophii ispoortii tana MP3 irraa nuu caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG