Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itti-aanaan Ministeearaa Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets Afrikaa Daawwatanii Deebi’an


Itti-aanan Ministaraa Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets, Biil Barns, biyyoota Afrikaa adda addaa eega daawwatanii booda, akkasumas, Gumii Gamtaa Afrikaatti eega hirmaatanii deebi’anii booda, gaaffii gaazzexeessonni dhiheessaniif deebii kennanii jiran. Daawwannaan isaanii kun, daawwannaa ammaan dura Ministarittiin Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets, Hilarii Kilinton Afrikaa keessatti godhan booda kan hordofe tahuu ka dubbatan Mr. Barns, biyya isaanii fi Afrikaa gidduutti wal-gargaarsa guddisuu fi “Kanneen gam-lameenitti qormaata tahan” irra-aanuuf carraaqqii wal irraa hin cinnee sana daran cimsuutti ka fuuleffatan tahuu dubbatan.

Yunaayitid Isteets cichi isheen Afrikaaf qabdu, bulchiinsa gaarii, misooma waaraa, guddina dinagdee fi furmaata wal-dhibdee ka karaa nageenyaa ardittii keessatti guddisuuf carraaqqii nuti gachaa jirruun mul’ata, ka jedhan - Itti-aanaan Ministara Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets, Biil Barnis, kun immoo, hojii Dimookiraasii fi Bulchiisa gaarii Afrikaa keessaa gargaarsa gochuu, hidhata dinagdee Yunaayitid Isteetsii fi Afrikaa gidduu jabeessuu fi mirga dhala-namaa tiksuu fi jabeessuutti murannoo fi cicha biyyi isaanii qabdu kan of-keessatti hammate tahuu hubachiisan.

Gaazzexeessota irraa gaaffiileen Mr. Barnisiif dhihaatan hedduu dha. Itiyoophiyaa ilaalchisuun, gaaffiin dhihaate tokko tarkaanfii dhiheenya kana, Itiyoophiyaan gaazzexeessota irratti fudhatte - jechuun ka dhihaate ture. “Gaazzexeessota biyya keessaas kan alaas ilaallata. Seera farra-shororkeessummaa irratti hundaa’uun adabbii hidhaa waggoota dheeraa gaazzexeessota Sweeden irratti muramee fi hidhamuu gaazzexeessota biyya keessaa ilaalchisee, waltajjicha irratti, Muummicha-ministaraa Melles Zeenaawii waliin waan dubbattan yoo jiraate” ka jedhu ture gaaffiin sun.

Dhiheenya kana Komaandoon addaa, kan Yunaayitid Iseets -- kanneen galaana Somaaliyaa irratti saamtotaan idditamanii turan - hojjetoota gargaarsaa - dubartii lammii Ameerikaa tokkoo fi dhiira lammii Deenmaark tokko gad-lakkisuuf tarkaanfii milkaawaa fudhatee fi Dhimma Somaaliyaa ilaalchisee, gaaffii gaazzexeessota irraa dhihaateefis deebii kennanii - aangawaan Yunaayitid kun. Lammiwwan keenya irraa ittisuuf, wanna nu irraa eegamu mara gochuu qabna jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG