Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ivori Koost Loltoonni Ishee Maalii Keessatti Hidhaman Akka Gad Dhiisaman Gaafatte


Humnoota Burkiinaa Faasoo, Wagaduguu, Adoolessa 7, 2022
Humnoota Burkiinaa Faasoo, Wagaduguu, Adoolessa 7, 2022

Ivory Coast, Maaliin loltoota ishee 49 ergama nagaa eegsisuu kan tokkummaa mootummootaa deeggaruuf ergaman garuu yeroo achi gahan to’annoo jala oolanii fi mindeeffamtoota jedhaman maqaan itti moggaafame akka gadhiifaman gaafatteetti.

Ivoorii koost ibsa barreeffamaa baasteen, loltoonni 49 Wiixata buufata xiyyaaraa Baamaakootti qabaman, “haqa malee to’annoo jala oolan” jechuun hatattamaan akka gadhiifaman gaafatteetti.

Mootummaan waraanaa Maalii, loltoota kana “warra mindeeffaman” jedheera. Ibsi Ivoorii Koost kun, himannaa mootummaan waraanaa Maalii loltoonni sun hidhannoo kan qabanii fi hayyama malee Maalii gahan jechuun dhiheesses kan haale yoo ta’u, ministirri dhimma alaa Maaliis ta’e hogganaan waraana Maalii koppii ajaja ergama loltoota kanaa argataniiru jedha.

Ergamni tokkummaa mootummootaa Maalii keessa jiruu fi ibsi mootummaa Ivori Koost lamaanuu loltoonni gara Maaliitti ergaman akka deeggarsa garee Ergama Tokkummaa mootummootaa ti jedhee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG