Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jaalala Abbootii,Haadhotii fi Sabii Keenna Nuu Uumetti Akka Ummataa Naanu Nu Godhe: Dr.Guddataa


Dr.Guddataa Hinikkaatii fi Haatii warra isaa doolara kuma dhibba hedduu baasanii mana barumsaa baaddiyaa Arsii Nageelleetti jaaran.

Akka jecha Dr.Guddataatti fedhii tana waliin hin dhalanne,dhalatanii jennaan keessatti ufi argan.Maatii saba jaalattu ka wal gargaartu keessatti guddachuutti tana nu tolche jedhu.

Tana malee mana barumsaa Godee, Arsii Nageelleetti jaaran keessaa faaydaa kuma hedduu isaan argatan, ilmee tokkittii baaddiyaa baatee barattee jireenna addunyaatiin wal dhaqqabdu arguu.

Waan duraatiin yoo walti laalan akka jecha Dr.Guddataatti namii Oromoo hedduutti barachuutti jira.Namii baratu kun akka abbootiin isaanii,sabii isaanii gargaaree barsiise beekee qalbii abbootiin galateeffatee egerii harkaa fuudhu irratti argituu jennaan “kun gaafa akka sabaatti wal jajjabeessaa wal gorfachaa,wal baadhachaa yaane achi geenna” jedha.

Namii Oromoo hedduutti Amerikaa jira,namii biyya tana jiru kun akka fedhetti barachuutti jiraa jennaan; “akka lakkoofsa guddinnaatti yoo ilaalle waan hedduutti hafa taatullee namii keenna guddoo barachututi jira.”

Nama gargaaruuf qaraa qalbii sabaan gargaaran,fedhii fi jabeenna qabachuu wayya akka Dr.Guddataa Hinikkaatti.

Dr.Hinikkaan faan mana barumsaa qofaa mitii,hospitaalaa fi koollejjii(medical school) jaaruutti jiran.Tana ammoo Kibxataa fi Jimaata dhufu haadha warra Dr.Hinikkaa aaddee Wubituu ykn akka beekaniinitti aaddee Bareedduu gaafannaa nu caqasaa.

Hagasittuu waan Dr.Guddataa gaafanne MP3 tana irraa caqasaa.

XS
SM
MD
LG