Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jaarmayaan Fayyaa Addunyaa Weerarri Haaraan Yoo Ka’a Ta’eef Qophaa’uun Barbaachisaa Ta’uu Beeksise


Daayirikterri WHO Tedros Adhanom
Daayirikterri WHO Tedros Adhanom

Biyyoonni miseensa jarmayaa fayyaa addunyaa weerara sadarkaa addunyaaf deebii kennuuf walii galtee mallatteessuuf karoora dhiyaate raggaasisanii jiran.

Jenevaa keessatti kan geggeessame gumii jarmayaa fayyaa addunyaa irrati kanneen argaman, wixinee gumii addaa kan WHO baatii sadaasaa keessa geggeessamu kan yoo weerarri COVID-19 waliin fakkaatu akka tasaa yoo mudate, haala wayyaawaa dhaan qophaa’uuf deebii kennuun danda’amu irratti mari’atu akka geggeessamu murteessaniiru.

Weerarri yeroo ammaa naannoo addunyaatii uummata miliyoona 170 dhukkubbiif kan saaxile yoo ta’u, erga vaayiresiin koronaa bara 2019 Chaayinaa keessatti argamee qabee kanneen miliyoona 3.5 ol dhumaniiru.

Daayirikterri WHO Tedros Adhanom hirmaattota gumichaaf ibsa kennaniin walii galtee kana irra ga’uuf yeroon isaa amma jedhanii, kunis dhaabbata eegumsa fayyaa kan tokkummaa mootummootaaf nageenya addunyaa guutummaa ni cimsa jedhan. Hanqina odeeffannoo wal jijjiiruu kan teeknooloojii fi qabeenyaan hanqachuun weerara COVID-19f deebii kennamu boodatti harkise jedhan.

Qindeessitoonni tapha kubbaa miillaa Ameerikaa kolombiyaa waliin ta’uu dhaan dorgommiin qopheessaa turan sababaa weerara COVID-19 Arjentiinaa keessatti hammaate irraan kan ka’e gara Brazilitti dabarsuu isaanii Wixata kaleessaa beeksisanii jiran.

Gabaasi kun kan Yunaayitid Isteetisii fi HIndiitti aansuu dhaan lakkoobsi namoota vayiresii koronaan qabamanii hedduu qabdu Brazil ilaalchisee shakkii qaban ibsanii jiran.

Hayyoonni Saayinsii biyyattiin dorgommii kana keessummeessuu ishee yaaddoo qaban ibsuu dhaan COVID-19 gosa haarawaaf akkaan daddarbu hedduu qabaachuu ishee ibsanii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG