Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jappaan Hagayya 28 Jalqabee Kooriyaa Kibbaa waliin Gabayaa Hin Dhaabattu


Japan South Korea
Japan South Korea

Gabayaa addunyaa tanaa gama tokkoon Jappaanii fi Kooriyaa Kibbaatti harkaa qaba.Jappaan guddiina gabayaatiin addunyaa keessaa sadeessoo,Kooriyaan Kaabaa ammoo 11essoo.

Bara 2017 Jappaan mi’a gatii doolara biliyoona 694 Kooriyaa Kibbaatti ergatte waan doolara biliyoona 694 irraa bitte bu’aa doolara biliyoona 62 jalaa argatte.

Biyyitii lamaanuu horuma guddaa hagana gahuun wal irraa bittee walti gurgurti.

Amma ammoo yaayyuu faayidaa gabayaa irratti wal dhaban.

Japaan bara 1910 haga 1945 Kooriyaa Kibbaa biyyuma ufii tolfattee humnaan bulchaa baate.

Eegee ammoo waraana jabaan jalaa baate. Manii Murtii Kooriyaa Kaabaa akka Jappaan waan bara sunii humnaan nama tolchitee tolaan hojjachiifachaa baatee gatii baafatu hajaje.

Jappaan tanaan dallantee Kooriyaa Kaabaa gabayaa waliin dhaabachuu didde.

Akka kanaan Hagayya 28 jalqabdee Jappaan mi’a Kooriyaa itti dhufu tokko tokko laalti.Kooriyaa Kibbaa Jappaaniin ufoo jette.

Addunyaa keessaa Chaayinaatti mi’a hedduu biyya alaatti gurgurachuun beekan

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG