Jarmaniin Ruwaandaa dhaaf kan kennitu gargaarsa misoomaa haaraa kan dhaabdee fi walitti bu'iinsa biyya Afriikaa hollaa ishee Ripaablikii Dimoktaatawaa Koongoo keessaa qooda isheen qabaatteef deebii kennuuf jecha waadaa haaraa galte illee gamaaggamaa akka jirtu Kibxata kaleessaa beeksistee jirti.
Ministeerri misooma Jarmanii akka jedhetti Berliin tarkaanfii kana dursitee Ruwaandaa kan beeksiste yoo ta’u baha Koongoo keessatti fuula duratti tarkaanfataa kan jiru garee M23 deggeruu akka dhaabdu gaafatee jira.
Koongoo, hayyoonni Tokkummaa Mootummootaa fi humnoonni gama dhiyaa Ruwaandaan garee kana deggeruu ishee qeeqanii jiru. Ruwaandaan immoo kana haaluu dhaan milishoota Hutuun dursaman kanneen warra Tutsii Koongoo keessaa fixuu barbaadanii fi Ruwaandaaf balaa ta’an akka of irraa ittisutu beeksiste.
Ministriin dhimma alaa Ruwaandaa tarkaanfiin Jarmanii kun dogoggoraa fi kan bu’aa hin qabaannee dha jedhee jira.
Ministeerri Dhimma Alaa Ruwaandaa ibsa Kibxata galgala kenneen, “Biyyoonni akka Jarmanii tasgabbii dhabuu naannoo kana keessatti irra deddeebi’amee mul’atuuf seenaa keessatti itti gaafatamummaa qaban tarkaanfiiwwan gama tokkoo, dirqisiisaa hojiirra oolchuu irra kana caalaa hubachuuu qabu” jedheera.
Ministeerri Jarmanii akka jedhetti Barliin yeroo dhumaaf Onkoloolessa bara 2022tti Ruwaandaaf gargaarsa doolaara miiliyoona 98 bara 2022 hanga 2024tti akka gotu waadaa galtee turte.
Gareen M23 baatii Amajjii irraa eegalee naannoo baha Koongoo fi kuufama albuudaa gatii guddaa qabu to’atee jira.
Haleellaan amma deemaa jiru kun waldhabdee yeroo dheeraaf ture keessatti kan hammaataa dhufe yoo ta’u, kunis ba’ii duguuggaa sanyii Ruwaandaa kan bara 1994 fi qabsoo qabeenya albuudaa guddaa Koongoo to’achuuf godhame irraa kan eegaledha jedha gabaasi Rooyitersi kun.
Forum