Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jeeneraall Abdul Fattah Buraanii sababa fonqolcha anngoo dubbatan


Jeeneraall Abdul Fattah Buraanii sababa fonqolcha anngoo dubbatan
Jeeneraall Abdul Fattah Buraanii sababa fonqolcha anngoo dubbatan

Ajajaan waraanaa sudaan Jeeneraal Abdel Fattah Burhaanii loltoonii mootummaa ce’uumsaa biyyatii fonqolchanii kan aangoo qabataniif biyyatiin akka wal waraansa keessa hin seennef jedhan.

Burhaaniin ibsaa kaleessaa kennaaniin muuxannoon waggootttan lamman darban akka mirkaneessetti hirmaanaan umnoottan siyaasaa yeroo ce’umsaa keessatti taasisan waan jeequmsaa jajjabeesuudha.

Akka burhaaniin jedhanitt,i namoonii haala waltti bu’insa uumee tokkummaa biyyaa diiguu waa’ee gosummaa dubbachaa turan. Sodaan kun fuula keenya dura jira. Yemuu innii nama hundaaf midiyaa irratii darbu argineera . namii hunduu dhoksaadhaaf ittigaafatamummaa malee dubbachaa ture. Dhimii kun immoo nageenyaa biyyaa fi waraanaa irratti dhiibaa qaba.

Jechuudhaan maaliif akka waraanni isaanii aangoo qabatee ibsaniiru.

Muumeen ministeeraa isaan aangoo irraa fonqolchama Abdallaa Hamdooki haadha warraa isaanii wajjin gara mana jireenyaa isaanitti deebi’ani too’annoo jala akka jiraatan taasifamuu isaa ibsi waajirra isaanii irraa bahe beeksiseera.

Ministeerri dhimma alaa U.S Antoonii Bilinken gad lakisamuu Abdelaa Hamdook jajanii mootumaan loltootaa Sudaan, hoggantootaa siviilotaa wareen biroos akka gad lakkisu gaafataniiru.

Jeneraal Burhaaniin hidhamuu ministeerotaaf namoottan siyaasaa amanani isaan keessaa ammi tokko waraana biyyyatti keessatii hokkora kakasuudhaan akka itti gaafataman himaniiru.

Buhaariin itti dabaluudhaanis gareen loltootaa isaaniin hogganamu amma Adoolesa 2023 ti filannoon taasifamutti taayitaa irra akka turu himaniiru.

Kun ittu kanaan jiruu amma mootummaan siviilotaa deebi’ee dhaabbatutti sochii miseensumaa kamiinuu irraa sudaaniin ugguruu isaa gamtaan Afrikaa kaleessaa beeksisuun isaa gabaasameera.

Lammiileen biyyatii << mootummaa loltoota hin barbaannu>> jechuudhaan karaa irratii bahanii sagalee mormii dhageessisuu itti fufani jiru.

Koreen Doktoorota Sudaan akka jedhetti, dhukaasaa loltoonii mormitoota irrati bananiin namoon 4 du’ani 80 ol madaa’aniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG