Gaanfa Afriikaatti jila addaa US kan ta’an Jefrii Feltman gara tokkummaa Emiretoota Arabaa, Turkii fi Masriitti imaluuf jiru. Gitoota isaanii gamasii waliin illee wal arguu dhaan hawaasi addunyaa dhimma Itiyoophiyaa irratti maal akka barbaadu illee mari’achuuf jiru.
Kun adda durummaa dhaan walitti bu’iinsa jiruuf furmaata. Sababiin isaas walitti bu’iinsi sun nagaa fi nageenya gaanfa Afriikaa keessaa balaa irra akka buusu beekna jedha ibsi ministrii dhimma alaa biraa ba’e kun. Walitti bu’iinsa Itiyoophiyaa keessaaf furmaati waraanaa akka hin jiraanne dursinee dubbannee jirra.
Kana mara keessatti kaayyoon keenya akkasumas jilli addaa Feltman kan isaan dhiibbaa gochaa jiran, dubbiif wal barbaaduu fi dhiittaa mirga namaa dhaabsisuuf akka filmaata duraa fi dhumaa fi tokkichi diplomaasummaa dha jedhan.