Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jiilli Rawwannaa Waliigaltee Hordofuu Maqalee Seene


Jiilli rawwannaa waliigaltee Kaaba Itiyoophiyaa hordofuu Maqalee seene, nannoo Tigray, Muddee 29, 2022

Waliigaltee nageenyaa mootummaa feederaalaa Ityoophiyaa fi Mootummaa naannoo Tigraay gidduutti taasifamee kan hordofaa jiruu gareen gamtaa Afrikaa akkaataa waliigalitichaa hojii irra oolaa jiru hubachuudhaaf kamisaa har’aa magaalaa Maqalee seene jira.

Gaafaa Afrikaatti bakka bu’aa addaa gamtaa Afrikaa Oluuseguun Obosaanjoo, prezidaantii keniyaa duraanii Uhuruu Keniyaataa fi ambaasaderoonni biyyoottan 32 maqalee kan seenan yemuu ta’u jiila kana keessatti bakka bu’oonii gamtaa Awuroopaa fi kan mootummaa Yunaayitid Isteetss akka argaman beekameera.

Jiillii kun turtii isaa keessatti adeemsaa waliigaltee nageenyaa akka ilaalu ibsameera.

Karaa biraatiin Haanga’onni mootummaa feederaalaa, miseensonni rayyaa itisa biyyaa fi kan poolosii feederaalaas Maqalee seenuun isaanii gabaasameera.

Miseensonni raayyaa ittisa biyyaa magaalaa maqalee irraa kiilomeetrii 30 fagaatee kan jiru bakka Aguula’I jedhamuu kan qubate yoo ta’u, bakkii sun bakkaa meeshaan waraanaa loltoota mootummaa naannoo Tigraay irraa hiikachisaman itti kuusaman akka ta’e mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa gabaasee jira. akka gabaasaa kanaatti poolisiin feederaalaa buufataa xiyyaaraa maqalee too’achuu jalqabeeraa.

Hojii poolisiin feederaalaa Maqalee keessatti raawwatu ilaalchisee komishiiniin poolisii feederalaa ibsaa har’a baaseen, missensonii isaa buufataa xiyyaaraa, buufatalee umna ibsaa, dhaabbataa telekomunikashiinii fi baankota akka eegan ibsee jira.

Haanga’oonni waraanaa mootummaa feederaalaa fi kan Adda Bilisummaa Ummata Tigraay mudee 22 fi 23 bara 2022 Naayiroobi keessatti yemuu marii taaisaa turan, jaarsoliin marichaa “walgahiin keenyaa itti aanu Maqalee keessatti taasifama” jechuun isanii gabaasamuun isaa ni yaadatama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG