Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jilli Addaa Jefrii Feeltman Imaltuu Dhumaaf Itiyoophiyaa Jiru 


Biyyoota gaanfa Afrikaatti jila addaa Amerikaa kan ta’an Jeefrii Feeltmaan (Suuraa faayilii)
Biyyoota gaanfa Afrikaatti jila addaa Amerikaa kan ta’an Jeefrii Feeltmaan (Suuraa faayilii)

Biyyoota gaanfa Afrikaatti jila addaa Amerikaa kan ta’an Jeefrii Feeltmaan baatii kana keessa muudama isaanii irraa kan bu’uuf jiran yoo ta’u kunis baatii sagaliif eega hojjataa turan booda ta’uun ibsamee jira.

Feltman Baatii Eebla dabree aaangoo kana kan fudhatan rakkoo guddaa lama kan wal waraansa Itiyoophiyaa gama kaabaa keessaa fi fonqoolcha mootummaa Sudaan kan waraanni biyyatti gaggeesse sanaafis ture.

Feltman Kamiisa kaleessaa aangawoota sadarkaa olaanaa Itiyoophiyaa waliin eega dubbatanii booda imala isaanii kan xumran ta’uun ibsamee jira.

A yunaaytid isteetes keessa kan jiru dhaabata Atlaantiik Kaawunsil jedhamu keessatti dame giddu gala Afrikaaf qorataa kan ta’an Kaameruun Hadsan Yeroo rakkooleen sudaanii fi Itiyoophiyaa keessaa furmaata qabatamaa tokko irra hin ga’iin jiran kanatti, Feltman taayitaa isaanii gad lakkisuu attamitti akka ilaalan akkana jedhan.

Amerikaan biyyoota rakkoo keessa jiran Itiyoophiyaa fi sudaanti dhiibbaa gochuu kan ilaaleen amma iyyu humna qabdi jedhu.

Antonii Bliinkan Nama Haaraa Muudanii Jiru

Ambaasaaddar Jeefrii Feeltmaan yeroo muudama isaanii ennaa xumuuran Ambaasaaddar Deeviid Satterfiild guyyoota dhufan kana keessa simachuuf kan jiran ta’u, ministeerrii hajaa alaa Amerikaa Antonii Bliinkan beeksisanii jiru.

Feeltmaan bara 2021 muudama kanaaf yeroo gaafataman yeroo waggaa tokko hin guunnee qofaaf akka ture garu, tasgabii dhabiinsii gaanfa Afrikaa keessaa fi kutaa kan siyaasa nageenyaa fi rakkoo gargaarsa dhala namaa jiruutuqiyyaafate Amerikaa waan barbaadeef turan jedhan Bliinkan.

Ambaasaaddar Sattefiild muuxannoo diploomaasii kan kan wagoota hedduu kan qaban, fi walitti bu’iinsa addunyaa irratti hamoo ta’an irratti hojjataa akka turan, kunis biyyoota gaanfa Afrikaa keessaaf nagaa fi badhaadhummaa argamsisuuf meeshaa akka ta’uuf jiran, akkasumas, kutaa tarsimoo qabeessa ta’e sana keessatti fedhii Amerikaa tarkaanfachiisu jedhan.

Ambaasaaddar Satterfield Muudama kana fudhachuu isaaniif Bliinkan galateeffatanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG