Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jilli Taalibaan Osloo Keessatti Marii Gaggeessee Jira 


Bakka bu'aa Taalibaan walgahii irratti, Osloo, Noriwaay, Amajjii 24, 2022
Bakka bu'aa Taalibaan walgahii irratti, Osloo, Noriwaay, Amajjii 24, 2022

Jilli Taalibaan kan eeggataa ministeera haajaa alaa biyyatti Amiir Muttaqiin hogganaman fi bakka buutonni hawaasa sivilii Afgaanistaan Dilbata kaleessaa guyyaa guutuu Osloo keessatti marii kan gaggeessuun beekamee jira.

Mariin kunis rakkoo gargaarsa dhala namaa Afgaanistaan keessaa kan ilaaleen ture.Hirmaattonni marii kanaa obsaan kan wal dhaggeeffatan akksumas yaada wal jijjiruu isaanii, walgahii kana eega xumuramee booda ibsa Taalibaan baasee hubachisee jira.

Rakkoo Siyaasaa, dinagdee, nageenyaa fi badhaadhiina Afgaanistaan keessaaf lammiwwan biyyatti martii hirmaachuu qabu jedha ibsii Taaliibaan.

Mariin kun jalqabbii walgahii guyyaa sadii kan cufataan gaggeeffamuuf jiru, Noorweey qindeessite garee kan mootummaaAfgaanistaan bulchaa jiru, aangawoota mootummoota gama dhiyaa fi lammiwwan Afgaanistaan kanneen hawaasa sivilii adda addaa dabalata jedhameera.

Jilli Taalibaan Awuroopaa ennaa seenuu kun yeroo jalqabaa ti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG