Mootummaa Itiyoophiyaa fi bulchiinsa nannoo Tigraay giddutti marii gaggeffame ilaalchisee itti hirmaataa kan Turan Obbo Geetaachoo Raddaa fi Jeneraal Tsaadkaan Gbara Tinsaay saba himaa Tigraay keessaaf ibsa kennii jiru.
Jiraachu uummata Tigraay hundee godhachuun walii gallee kan jedhan Obbo Geetaachoo Raddaa dhukaasii dhaabchuu isaan gargaarsii akka Tigraay seenuuf haallii mijeeffamee jira jedhan.Haga barbaadamee akka hin taane ni beekna jedhanii, Dawaalee seensisuuf carraan dandeesisuu uumamaa jira jedhu.
Waluumaa gala dhukaasa dhaabanii gara marii siyaasaa itti aanuutti darbuuf haallii dandeesisuu kan uumamee ta’uus, waraanni Ertraa amma iyyu uummata irratti miidhaa geesiaa jira jedhan.Himata kanaaf gama Ertraa irraa deebiin kennamee jiraachuu baatus, ammaan dura himannaa irratti dhiyaataa ture soba jechaa turuun isaa ni yaadatama.
Jeneraal Tsaadqaan Gabra Tinsaay gama isaaniin, waliigalteen tolfame Itiyoophiyaa jeeqama keessa lixxee keessaa baasuuf human kan qabu akkasumas, rakkoo uummata Tigraay heera biyyattiin furuuf kan haala mijeessee akkasumas, rakkoo Tigraay keessaa ilaaluufis kan dandeesisuu jechuu isaanii Muluugeetaa Atsebahaa Maqalee irraa gabaasee jira.
Forum