Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jimma Baranallee Shaampiyoona Oromiyaa taatee Waancaa 10 caalaa Haratte


Shaampiyoonaan Dorgommii Guutuu Oromiyaa, akka naannoleen Oromiyaa ispoortiin ufi jabeessan,amala ispoortii guddifatan, aadaa fi jechoota wal irraa baratan tolchuu faa.

Ispoortii akkanaa,baruma baraan godina irra maranii qopheessan. Dorgommii gosa ispoortii 17 ta baranaa,magaalaa Jimmaatti waancaa 13 guurratee tokkeessoo bahe.

Bishooftuu,Shaashamannee fi Adaamaatti lammeessoo,sadeessoo fi abreessoo tahee walti aane.

Naannoleen barana duubatti hafan jedhan ammoo,bonaa fi gammoojjiitti eegee aansee moo nama ispoortiif nama jabeessu dhaban? Woma taateefuu akka Biiroo Ispoortii fi Dargaggoo Oromiyaatti tun waan egerii ilaalan taati.

Lafa gara Finfinenettti dhiyaattu qofatti yoo hedduu dorgommii akkanaa qopheessuun ammoo akka ispoortiin godina baadidyaatti hin guddanne tolcha ka jedhulleen hinuma jira.Akka jecha obbo Addunyaa Barii,Abbaa Adeemsa Dhimmoota Odeeffannoo,Biiroo Dhimma Dargaggootaa fi Ispoortii Oromiyaatti,magaalaa keessummoota hedduu simachuu dandeettutti wa qopheessuuf;hoteelii gugurdoo, fi istaadiyoomii gugurdaa dabalee waan hedduun qabaachuu wayya.

Hujii gugurdoo tana;bisaan baasanii lafa ispoortii itti hojajtan gugrdoo jaaruu,hoteelii jaaruun akka obboo addunyaatti ta ummataa,abbootii qabeennaa fi mootummaati.

Mee woma taateefuu nama nafii isaa ispoortiin jabaate qabaachuun godina keessa jiran qofaa mitii ufi bira dabranii addunyaafuu wa gumachuu taati.Ijoolleen Afrikaa ta kubbaa miilaatii jedhanii Awurooppaa,Amerikaa fi lafa akka akkaatti bitatanilleen namuma lafa akkanaa keessaa dhufe.

Mee waan waan dorgommii Shaampoyoonaa Oromiyaa kana irratti qopheessine MP3 tana irraa nuu caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG