Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Jiraataa jirtaa? Jechuu Irra Hin Duunee?’ Jechuu Wayya’


Bara 2012, akka bar-lakkoobsa Itiyoophiyaatti immoo bara 2004 yeroo ayyaanni Du’aa-Ka’uu Iyyesuus Kiristoos yokaan Faasikaan ayyaaneffamaa jirutti, gama biraan lammiwwan biyyattii keessa jiraatan gatiin meeshaalee fi jireenyi walumaa-galatti qaala’uu yokaan miyaa’uu dubbatu.

Godinaalee Oromiyaa hedduutti bilbillee akka dhageenyetti, adda addummaan xixiqqaan jiraate iyyuu bakka maratti mi’awwan nyaataa akka xaafii, dhadhaa, sukkaaraa, sangaan, hoolaan, hindaaqqoo fi kanneen fakkaatan ka bara dabree irraa dachaan qaala’anii jiru. “Namni sangaa tokkoof qarshii Itiyoophiyaa kuma afurtamii shan kenninaaniif ‘hin gurguru’ jedhee fudhatee gale, jechuun fira koo tokko irraa dhagahe” jedhee nutti hime, namni Finfinnee irraa haala gabaa nuuf ibse tokko.

“Jiraataa jirtaa? Jedhaqnii nama gaafachuu irra hin duunee? jedhanii gaafachuu wayya” jedha, dhaggeeffataan Ambo irraa yaada isaa nuuf ibse ka biraan immoo.

Mee waa’ee gabaa fi haala jireenyaa, ka dhaggeeffatoonni keenya naannoolee Oromiyaa adda addaa irraa jedhan guutummaatti MP3 tuquun dhaggeeffadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG