Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jiraattotai Walloo fi Naannoo Ishee Kanneen Qe’ee Irraa Buqqa’an Gara Naannoo Ofiitti Deebisuuf Hojiin Jalaqabamuun Gabaasame


Namoota naannoo Amaaraa keessaa qehee irraa buqa'an, Goondar (Suuraa faayilii)
Namoota naannoo Amaaraa keessaa qehee irraa buqa'an, Goondar (Suuraa faayilii)

Sababaa wal waraansaan qe’ee ofii irraa buqa’anii gara Finfinnee kan dhaqan jiraattonni Walloo fi naannoo ishee gara qe’ee ofiitti deebisuuf hojiin hojjetamaa jiraachuun ibsamee jira.

Kan Finfinnee keessa maadheffate koreen waloo kan waldaa geejjiba atoobisii fi dhaabolii, buqqaatota kana tola gara qe’ee isaaniitti deebisuuf hojii kan jalqabe yoo ta’u, tajaajilli kunis guyyoota afur walitti aanuuf itti fufa jedhamee jira.

Dabre Birhaanii fi Baar Daar irraa lammiiwwan buqqa’anis gara naannoo saanitti akka deebi’an, waldaan hojii tola ooltummaa fi tokkummaa misooma Walloo waamicha dabarsee jira.

Humnoonni TPLF naannolee Walloo isaan seenanii turan jedhame keessaa, uummanni kuma dhibba torbaa hang miliyoona tokkoo ga’u lubbuu oolfachuuf gara Debre Birhaan, Finfinnee akkasumas gara magaalaalee Baahir Daarii fi naannoo ishee jiranitti baqachuu isaatu himama.

Humnoonni mootummaa naannolee to’annaa TPLF jala turan gad dhiisisuu isaaniitti aansee, buqqaatot hedduu gara qe’ee ofiitti deebisuuf waldaan hojii tola ooltummaa fi tokkummaa misooma Walloo sochii eegaluu isaa miseensi koree hoji raawwachiistuu waldichaa Kabiir Seyid ibsaniiru.

Rakkoon isaa wal xaxaa waan ta’eef akkasumas baayy’ina buqqaatotaa irraan kan ka’e garuu waldaa tokko qofaan hojii isaa kan itti fufu waan hin ta’iniif filmaata ka biroo fayyadamuu isaanii obbo Kabiir dubbataniiru. Kan Finfinnee keessa maadheffate koreen waloo kan waldaa geejjiba atoobisii fi dhaabolii waamicha kana simachuu dhaan deebii gaarii kennuu isaanii dura taa’aan koree dhaabichaa Muluqen Mellesee ibsaniiru.

Waldooliin geejjibaa kun gumaacha isaan godhaniif buqqaatonnis qindeessitoonnis galateeffataniiru jechuun Mesfin Arage gabaaseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG