Xurree ittiin seenan

Breaking News

Joe Biden Amerikaa dhugaan bulchuuf kakachuuf Pirez.,Tiraampi hujii fixatee Filooridaatti fa'atee godaanuuf barii lafaa eegachuutti jiran


President-elect Joe Biden and his wife Jill Biden are joined by Vice President-elect Kamala Harris and her husband Doug Emhoff in a COVID-19 memorial event at the Lincoln Memorial Reflecting Pool, in Washington, Jan. 19, 2021.
President-elect Joe Biden and his wife Jill Biden are joined by Vice President-elect Kamala Harris and her husband Doug Emhoff in a COVID-19 memorial event at the Lincoln Memorial Reflecting Pool, in Washington, Jan. 19, 2021.

Joe Biden Amerikaa dhugaan bulchuuf kakachuuf Pirezidaantii Tiraampi Filooridaatti godaanuuf fa’achuuuf barii lafaa eegachuutti jiran

Amerikaan,U.S.A Sadaasaa 3 pirezidaantii isii 46essoo,Joe Biden filattee. Akkuma amala amala isiitti nama filatte Ammajii 20 kakchiiftee mootummaa itti kennatti.

Fulaa pirezidaantiin itti kakatu,U.S. Capitol, dallaa sibiilaa itti jaaranii waraanii kutaa Amerikaa akka akkaa keessaa dhufe kuma kunrya hedduu marsee eeguutti jira.

Washington,DC teessoo mootummaa Amerikaa laftii diqqayyoon namii kuma 700 caalaan keessa jiraatu durii guyyaa akkanaa nama miliyoona hedduu simattu amma mirgaa bitaan marsanii xuphanneessanii gamuma cufaanuu cufanii jabuu eeguutti jiran.

Diida ballaa Washington,DC,National Mall yaayyuu cufan.Karaan baabura lafa jala yaahuu cufaa,riqaan karaa gugurdaa irraa cufaa.

Pirezidaantiin Amerikaa,Donaldi Tiraampi aadaa Amerikaa ganna 160 qabaachaa baate ka pirezidaantii nama isa moo’ee eebbisee itti gaafatama itti kennuu qophii gammachuu isaallee dhufuuf dhiisee,mana mootummaa Amerikaa,White House keessaa ganamaanuu Filooridaatti godaanuuf mi’a walti kurfoo jira.Itti aanaan isaa, Mike Pence ammoo qophii Joe Bidenitit mootummaa kennan tanatti dhufuu kurfoo jira.

Manii maree Amerikaa torbaa dabre keessa Pirezidaanti Tiraampi warra isa deeggaru kongiressii Amerikaa lafa pirezidaantiin itti kakatee mootummaa itit kennan, U.S.keessatit nama duulchise jedhee ammallee himata impeachment jedhaniin himachuuf seera itti qixeeffachuutti jira.

Yoo irratti walii galanii balleessaa itti muran, pirezidaanti Tiraampi lammeessoo pirezidaantummaallee dorgomuu hin dandahu waan hedduun adabuu dandahanillee.

Hujii fixate bahuun duratti pirezidaanti Tiraampi nama 100 tahu dhiifamaan hidhaa yaasuuf kurfoo jira.Guyyaa gammachuu pirezidaantii Amerikaa haaraa hujii itti kennanitti sirbituun Amerikaa hedduu itti yaaman.

Warra qara yaman irratti ammallee Garth Brooks itti dabalan.Brooks sirba Country Music ykn Western music jedhan sirba Amerikaa aadaa fi amala hedduu walkaa sirbuun beekamu.

Sirbituun guyyaa kanaa yaaman Lady Gaga and Jennifer Lopez faatilleen warra guyyaa kanatti yaaman.Bara Obaamaallee jarii kun yaayyuu dhufe

Brooksi kun ammoo guyyaa gammachuu Tiraampiif sirbii jedhanii jennaan hujii dhibii harkaa qaba jedhee died.

Sirbii innii sirbu "broken down, bare-bones stuff," wan gargar jige lafeelee goggodduu jedhuu fakkaata.Sirba isaan beekan "We Shall Be Free," ammoo hin sirbu.

Joe Biden fi Kamala Harris, warrii pirezdaantummaa Amerikaatii filan lubbuu nama Amerikaa kuma 400 koronaan fixee ulfinnaa kenna hardha sagantaa tanaa jedhanii qopheessan keessa oolan.

Qophii tana maatii ufii guurratanii hardha ibsee lubbuu jara dhumatee yaadachuuf qabsiisan 400 diida ballaa yaadannoo Abrham Linconif dhaaban lincolin Memorial dhaaba bira dhaqan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG