Xurree ittiin seenan

Breaking News

Joe Biden mootummaa yayyabachuuf kaabinee itti qixeeffachuutti jira


Linda Thomas-Greenfield Tokkummaa Mootummootaatti ambaasaaddera US filan
Linda Thomas-Greenfield Tokkummaa Mootummootaatti ambaasaaddera US filan

Joe Biden mootummaa yayyabachuuf kaabinee qixeeffachuutti jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:52 0:00

Joe Biden,namii pirezidaantii Amerikaa 46esso tahee labsaniif warra durii waliin hojjatee fi nama hedduutti hujii mootummaa isaa Ammajii dhuftu keessa hujii jalqaba jedhee herregatu kaabinee itti filachuutti jira.

Ministera Haajaa Alaatiif Anthony Blinken filate. Tokkummaa Mootummootaatti ambaasaaddera U.S. Linda Thomas-Greenfield filate.Damee jijjiirama qilleensaaiif John Kerry filate,daarektera nagaa biyyoolessaatiif ammo Avril Haines filate ammallee qixeeffachumatti jira.

Antony Blinken gadaa pirezidaanti Obaamaatti, itti aanaa ministera haajaa alaa Amerikaati.Haga bara 2002ti ammoo gorsaa Joe Baayden tahee hojjachaa bahe.

Barumsa sadarkaa lammeessoo Farnasaay Paaristti fixe nama yaada dhaaba walgargaarsa biyyoota garba Atlaantik gamaa,NATO guddoo fudhata.

Rakkoo hamtuu baqataa addunyaa bara 2016 isatti Amerikaa fulaa bu’ee sagantaa TV Amerikaa Sesame Streeti irratti dubbate.

Baqataa jechuun “warra mana ufii keessa jiraachuu dadhabee keessaa yaa’e.Jireenna biyya isaanii hamaa hamaa keessaa dhufan,” jedhe.

Akka ogeeyyotii siyaasaa jedhanitti hujiin Bilinken ta qaraa hariyummaa Amerikaan biyya dhibii waliin qabdu ta Doonald Tiraampi baballeesse jedhan qaqqajeelchuu. Iraanii fi biyya dhibiillee waliin hariyummaa jabeessuu.

Mark Simakovsky, dhaaba Atlantic Council jedhan ka hariyummaa U.S.biyya alaa waliin qabdu jabeessu.

“Amerikaan hariyaa dhugaa gaafa rakkoollee abdatan jedhee addunyaa mirkaneessa natti fakkaata.”

Amerikaan sagatnaa jijjiirama qilleensaa addunyaa Paaris,Ferensaayitti deebitee hojjatti akka karoora Baaydenitti.Yoo senetiilleen irraa fudahte Bilinken minsitea haajaa alaa Mike pmpeo irraa fuudhee hujiitit dabra.

Amerikaan ganna afur afuritti pirezidaantii filatti.Filannoo Amerikaa Sadaasaa 3 irra oolti.Ammajii 20 irratti kaktee hujii jalqaba. Bulti haga 70 caalan jidduutti bulchiinsi haarahii kaabinee filatee mootummaa qixeeffata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG