Xurree ittiin seenan

Breaking News

Joe Biden tokkummaa paartii isaa,Demokiraat jabeessee filannoo Sadaasaa irratti Tiraampi irraa dorgommiin mootummaa fudhachuuf itti jira


APTOPIX Election 2020 DNC
APTOPIX Election 2020 DNC

Joe Biden itti aantuu isaa Kamala Harris dabalatee filannoo Sadaasaa irratti pirezidaanti Tiraampi moohachuuf dorogmmiitti jiira
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:24 0:00

Waan gumiin itti quuftee itti dhugeeffatte galataa fi eebbaan itti kennattee fudhatettii hujiitti dabare Joe Biden.

Biden paartii nama Demokiraati dorgommii pirezidaantummaa Amerikaatiif filattee Tiraampiin walti gadi dhiifte.

Biden itti aantuu isaa Kamala Harrsi waliin filannoo Sadaasaa dhufu pirezidaanti Tiraamoi irraa dorgommiin mootummaaa fudhachuuf itti jiran.

Biden fi itti aantuu isaa kora biyyoolessaa paartii isaanii DNC(Democratic National Convention) guyyaa 4 TVn taa’e kalee dhumate irratti eebbisanii hujii itti kennan.

Akkuma itti gaafatama fudhateen nama isa waliin dorgomu Tiraampi dubbiin yarsuutti dabre.

Balaa guddaa addunyaatti dhufe, Koronaayyuu Amerikaa irraa dhaabuu hin dandeenne jedheen,Tiraampiin.

“Pirezidaantiin keenna ka ammaa kun hujii asi aantu hujii jabduuyyuu biyya teennaa hojjachuu hin dandeenne.dhukkuba hamaa Amerikaa irraa dhowwuu hin dandeenne. Jara keenna ka Amerikaa tun waan dhiifama hin qamne jedhe.”

Bulchootaa fi deeggartootii paartii Demokiraati guyyaa 4n sunitti waan Amerikaan amma keessa jirtu dhukkuba nama isi kuma 174 caala irra fixe kana jireenna biyya tanaa ka namii miliyoona 30 caalu huji itti dhabee fi waan hedduu mari’atan.

Dhukkubii kun Amerikaa gosa haga tokko irratti akkana heddata. Akka jecha Senator Kamala Harrsitti namii jireenna laafaa hujii dhabuu fi dhibii itti jabaachuun woma beekii tolche.

“Tun waan wal irra bu’eemiti caasaa sanyiin jaarame hamaan tolche jette.”

Pirezidaantiin durii Baraak Obaammlleen Tiraampi hojjachaa hin guddanne hujiiyyuu hin beekuuf hujiin harkatti baduutti jirti jedheen.

Jaartiin Obaamaa Mitchel Obaamaa ammoo afaan gabaaboon Tiraampi nama nu feenu nu tahuu hin dandahu maan jennaan isumatti akkan jette.

Tiraampi Bideniin akkuma paartii isaa yaada sooshalistii qabaachuu, gibira namatti guddisuu hujii Amerikaa biyya alaatti oofuun himata.

“Ana,isanii fi nu warra egeree Amerikaatii fi oobjuu dharaa gargar beeku.Tana maleellee biyyitii guddoo fi jabduun tun[US] akka addunyaa keessaa hin bannellee nu fi isanti eega jedhe.

Ogeeyyootii siyaasaa filannoon baranaa irratti namii kornaa fi bulchiinsa Tiraampi laalee hiree ufi ufumaan murteefffa jedhanii eegan. Biden nama ganna 77 ti Tiraampi nama ganna 77ti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG