Xurree ittiin seenan

Breaking News

Joe Biden U.S. bulchuuf kaabinee qixeeffachaa Ammajii 20 eegachuutti jira taatullee koronaafuu namii heddun qophi sun TVn daawwata fakkaata


US President-elect Joe Biden speaks during a cabinet announcement event in Wilmington, Delaware, on November 24, 2020.
US President-elect Joe Biden speaks during a cabinet announcement event in Wilmington, Delaware, on November 24, 2020.

Guyyaa gammachuu filamuu Joe Biden bara 2021 namii hedduun TV irraa daawwata fakkaata
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:19 0:00

Joe Biden,itti aanaan pirezidaantii Amerikaa bara Obaamaa ka durii pirezidaantii Amerikaa 46essoo tahuuf bulchoota itti qixeeffatee mootummaa yayyabachuutti jira. Ammajii 20 ammoo byya duratti bahee katee biyya bulchuutti dabra.

Akka amala Amerikaatti namii biyya bulchu Capitol ykn bulchiinsa mana maree Amerikaa duratti gumuu duratti bahee kakata yoo innii kakatu sun pirezidaantiin durii saatuma suniitti xuyyuuraan DC keessaa gara mana isaa haaraatti godaana.

Pirezidaantiin filame sun Capitol kahee haga White House,manaa fi biiroo pirezidaantii Amerikaa haga karaa km 3.7 miilaan karaa Pennsylvania jedhan irra deemaa biiroo seena. Mirgaa fi bitaan marsii gammadaniif.

Guyyaa gammachuu isaa Inaguration irratti koronaafuu jedhanii namii akka durii hin dhufu.Biden amma kaabinee qixeeffachuutti jira. Kaabineen tiyya akkuma biyya isaa wal makaa jedha.

“Addunyaa dura deemuuf malee duuba deemuufii mitii kuno kurfoo jirra.Nyaapha keennallee ufi rraa fafallaadaa durumatti yaana jaallawwan teenna ammo achi ufi irraa hin qamnu.Eennuu akka taane ammo oli kaanee himanna,” jedhe.

Guyyaa gammachuu pirezidaantii haaraa baranaa koronaan nama kuma hedduu dhufuu dhowwuu dandaha.Baaydeniin guyyaan gammchuu teetii sun maan fakkaata seera jennaan “waan guyyaa sun fakkaatu walumaan ilaalla,” jedha.

Lara Brown yuniverstii GW daarktera bulchiinsa Siyaasati.“Wannii Joe Baaden kakatee hujii jalaqabuu dhowwaa hin jirtu .Wannii guyyaa gammachuu isaa sun irratti dubbachuu dhowwaa keessammoota isaatiin walti Capitol keessatti walti dhufuu dhowwaa hin jirtu.

Akka jecha Laaraatti barana barcumsaa duwwaa hedduu arguu hin oolan. Kornaa kanaaf jedhanii maaskii naqatan malee qophii gammachuu sunitti hin dhaqinaa jechuu hin oolan.Guyyaa gamamchuun pirezidaantii haaraa qopheessan guddoo amma kornaanuu irra anama hambsi.Tun Baaydenillee mirkana.

“Keessummootaa akka malee hedduu waan qabaadhu hin sehu karaa guddaa Pensilveeniyaa irra nama hedduu ejaajjee nama simatu waan qabaadhu hin sehu.Namii waan tahaa TV daawata seha,”jedhe.

Baayden mootummaa Tiraampi irraa bulchiinsa fuudhuuf deema.Mootummaan Tiraampi bara isaatti horii Tokkummaa Mootmmootaatiin gargaaru doolara miliyoona dhibba hedduu irraa cire.

Horii Tokkummaan Mootummootaa qollee fi haawwanii fi ijoollee Paalistaayiniin gargaaran kennuu dide.Mootummaan Tiraampi biyya isaa Waldaa Fayyaa Addunyaa,WHO keessaa baafate.Baaydeniin dhfuutit jiru kun ammo waan Tiraampi didiige hedduu deebisuu dandaha.

Akka jecha ogeeyyotaatti Itti guddaa Tokkummaa Mootummootaa,Antooniyoo Guteres bulchiisa Baaydeniin waan hedduu irratti walii galuu hin dhabu.Richard Gowan, Tokkummaa Mootummootaatti daarektera garee balaa adudnyaa,Criis Group jedhaniiti.

“Akka ani sehutti Guters karaa jijjiirama qilleensaatiin wayyeessuu dandahu, fi namuu waan isa malee argachuu dadahuu jedhee garaa ballatee waan hedduu hojjachuu halchee,karoora baafachuu hin oolu.Akka durii kaan Tiraampi dallanuu dhowwaa jedhee waan hojjachuu fedhu irraa ufi hin qabu amma akka addunyaan waan hedduu irratti wal gargaaran,karoora qaba fakkaata.”

Bulchiinsii Baayden kun waan armaan duratti adudnyaa hujii nukileera Iraan iratti walii galtee bulchiinsii Tiraampi keessaa bahe sunitti deebihuu fi dhibaahuun waan isaan ilaan keessaa tokko. Randa Silim dhaaba barnootaa Middle East Inisiute jedhanitti ogeessa

“Namii pirezidaantummaa filatan kun walii galtee suntti deebihuu fi dhibaahcuun murti jabduutti isa eegata.Iraan seera jabaa bara 2015 irratti walii galan suniin deemtee jennaan US seera addunyaan fudhatte sunitti hin deebiti.Taatullee irrumatti ilaallachaa deemti.”

Akka jecha daarektea garee Crisis Group, Richa Gowanitti, Biden Chaayinaa waan hedduu keessaa mumulatti tanatit hin lakkisu fakkaata.

Joe Baayden butii 43 keessatti pirezidaantii Amerikaa tahee kakatee hujii jalabuuf eegachuutti jira.Hamtuu fi toltuu karaa mootummaan isaa irra deemuu fi hagam Tokkummaa Mootummootaa waliin deemuu akak dandahulle ufuma irartti caqasaa deema.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG