Raashiyaan baatii dhufu Yukreeniin weeraruu akka dandeessuu kan agarsiisuu carraan ifa ta’e jira jechuun Prezidaant Joo Baaydiin gita isaanii kan Yukreen Vilaadmir Zeleneskii kamiisa kaleessaa akeekkachisuu isaanii ibsii Waayit Haawuus irraa ba’e hubachisee jira.
Kanas ifatti dubbachuun baatilee hedduufis kanuuma akeekkachisaa turre jedhan.Raashaan gama isheen Kamiisa kaleessaa akka jetteetti, Awuroopaa gama bahaa keessatti muddamsii laaffachuuf carraan jiru xiqqoo dha.
Sababiin isaas Yukreen miseensummaa NEETOO keessaa akka baatuu akkasumas biyyonni gama dhiyaa waraana isaanii fi meeshaalee waraanaa isaanii biyyoota Raashiyaa daangeessan keessaa akka baasan gaaaffii Raashiyaan dhiyaaate Amerikaan eega diddee booda.
Ministeerrii dantaa alaa Raashiyaa Sargee Laavroov akka jedhanti gaaffii keenyaaf deebii Amerikaan laattee waan gaarii tokko hin qabu.Garu, wanni hanga tokko dhimmootii sadarkaa lammataa irra jiran kan ilaaleen marii jabaan akka gaggeeffamu karaa banuu mala jedhan.
Yunaaytid Isteetes fi michonni ishee kan Awuroopaa gaaffii ijoo Moskoon gaafatte fudhatama dhabsiisan.Diploomaatiin Yukreen kan sadarkaa olaanaa akka jedhanti, aangawoonni yaadawwan prezidaant Putiinti dhiyeeffachuuf deeman qabu.
Raashaan immo gama isheen deebiin koo dhiyeenyatti mul’ata jette.